Barataa Abduuba Tanii kan kaleessa Yuunversiitti Wachaaamootti rasaasaan rukkatame dhoksuuf yaalaa jiraachuun dhagaa’ame.

Barataa Abduuba Tanii kan kaleessa Yuunversiitti Wachaaamootti rasaasaan rukkatame dhoksuuf yaalaa jiraachuun dhagaa’ame.

(SQ-Bitootessa 4,2022)

Kaleessa Yuunversiitii Waachaaamootti walitti bu’iinsa Barattoota Oromoofi Amaaraa gidduutti ka’een barataan Oromoo Abduuba Tanii jedhamu rasaasa Poolisii Federaalaan mataa irra rukutamuufi barattoonni hedduun ammoo miidhamuu gabaasne ture.

Yuunversiitiin Wachaamoo garuu walitti bu’iinsa sanaan namni rasaasaan rukkutame hin jiru jechuun barataa Abduuna rasaasaan rukkutame du’aaf jireenya gidduu jiru dhoksuutti argamu jedhan maddeen.

Barattoonni akka hin ilaalle akkasuma namni ilaalu immoo bilbila harkatti qabatee akka hin ilaalle dhorkuun rasaasaan rukkutamuu barataa keenya dhoksa jiru jedhu.

Haala barataa Abduuba Tanii irra jiru yoo gaafannu Yaaliin baqaqqsanii yaalu kennamefi jiraachuu nuuf himuun hanga ammaatti of hin beeku jedhu . Qorichaa ittin yaalamu akka alarraa bitamuuf kan ajajaa jiran yoo ta’u qarshii ittin qoricha binnuuf nu yaaddessa jiras jedhu.

Kanaaf uummanni gargaarsa barbachiisu akka gootaniif jechuun dhaamsa Oromummaa dhaammatu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *