Bilxiginnaan Rayyaa Ittisa Biyyaa WBO fakkeessun Sandaafaatti Leenjiisa ture Shawaa Lixaaf Wallaggaatti bobbaasuun dhaga’ame.
(SQ-Bitootessa 20,2023)
Mootummaan paartii Bilxiginnaa Godina addaa naannawaa finfinnee Sandaafaatti WBO fakkeessanii rifeensa isaanii guddisanii miseensoota Rayyaa Ittisa Biyyaa leenjisaa turuu odeessi SQ qaqqabee ifa godha.
Miseensonni RIB leenjii’an kunneenis Labsii Obbo Shimelis Abdiisaa dhihoo kana Shaneen akka dhufee “ karaa nagaatti makamu “ jechuun waamicha Caffee Oromiyaa irratti taasisee fudhachuudhan mootummaitti harka kennatan jedhamun medialee mootummaa Bilxiginnaan oduu ammee jechuun labsuuf qopheessaani jiru jedhu keessa beektoonni.
Miseensonni RIB WBO fakkaachuun leenji’aa kunneen baayinaan 400 kan ta’an yoo ta’u isaaniis har’a ganama jechuun Bitootessa 20,2023 gara Shawaa Lixaa fi Wallaggaatti bobbaafamanii jiru jedhu.
Akka odeesi nuqaqqabe ibsutti yeroo dhihootti WBO fakkeeffamanii mootummatti harka kennachuun akka waan WBOn harka kennateetti ololuun diirama qopheeffame tahuu odeessi arganne nimirkaneessa.
Mootummaan PP bakka qaamni sadaffaan jirutti walii galtee dhugaa WBO waliin gochuu irra shiraa adda adda xaxxuun Oromoo keessatti burjaaji uumuuf hojjechuu irratti argama.
https://t.me/hordofaa