Miseensonni paarlaamaa Oromiyaarraa bakka bu’an ajjeechaa, buqqa’uu fi weerarri daangaa Oromiyaa akka dhaabatu gaafatan.
<Sagalee Qeerroo ~ Mudde 13/2022>
Lolli Kaaba Itoophiyaatti waggaa lamaaf geggeeffamaa ture mariidhaan erga goolabamuunsaa ibsamee booda miseensonni paarlaamaa rakkoon Oromiyaa keessaas nagaafi mariidhaan akka furamu gaafatan.
Ajjeechaan booda kana keessumaa hidhattoota Amaaraan godinoota Wallaggaafi bakkeewwan Oromiyaa daangessanitti hammaate mufii uumee dargaggoonni mormii ibsachaa jiru.
Rakkoon nageenyaa keessaa mariidhaan akka furamu karaa adda addaa gaafatamaa kan ture ta’us, sun ta’uu dhabuusaatiin mufachuu isaanii kan ibsan miseensonni paarlaamaa kunniin ammas akkuma Tigiraay keessaa kan Oromiyaas mariidhaan furamee nagaan akka bu’uu qabu gaafatan.
‘’Rakkinniifi salphinni Oromoo har’as itti fufeera; Oromoon boqonnaa dhabeera; ajjeechaafi qe’ee ofiirraa buqqa’uun cimee itti fufeera,’’ kan jedhan miseensonni kunneen gaaffii jajjaboo kaasan.
Marii erga taasisaniin booda xalayaa fuula sadii qabuufi qabxiiwwan 10’n irratti wal ta’an MM Abiy Ahimadiif dabalatee qaama dhimmi ilaaluuf erganiiru.
Callisnee taa’un sirrii miti jechuudhaan ALI Sadaasa 26, 2015 waajjira mana-maree keessatti mari’atanii xalayaa qabxii kudhan qabu baasuu isaaniitu ibsame.
“Ajjeefamuufi buqqa’uun Oromoo hedduu waan nu gaddisiiseef rakkoon kuni hatattamaan furamee Oromoon nagaan jiraachuu qaba” kan jedhu qabxii 1ffaa xalayaa kanaati.
Hacuuccaan Oromoo Walloorratti gahaa jirus atattamaan dhaabachuu qaba kan jedhus xalayaa kana keessatti hammatamee jira. Inni biraan, Daangaan Oromiyaa karaa hedduu sarbamee jiraachuu ibsuudhaan, Daangaan kuni qabsoodhaan dhufuun yaadachiifamee, Sarbami daangaa Oromiyaarra gahaa jiru furamuu qaba kan jedhu ammo qabxii sadaffaa irratti kaafamee jira.
Afraffaa irratti, dhimma Finfinnee keessatti hojiin baruufi barsiisuu manneen-barnootaa Afaan Oromoo danquudhaaf akkaataan itti deemamu sirrii akka hin taane kaasanii kanas Mootummaan xiyyeeffannoo itti kennee haalli baruufi barsiisuu nagaan deemuu akka qabu gaafatanii, Finfinneen magaalaa guddoo Oromiyaa ta’uusheefi, afaan dhalootaan barachuu addunyaan akka eeyyamtu xalayaa kana keessatti hammatameera.
Xalayaa kana keessatti ijoon dubbii kan kaafame, Daangaan heeraan ala naannolee hunda keessaa sarbamaa jiru karaa seera mootummaa eegeen kabajamuu akka qabuufi Naannoon tokko humnaan daangaa naannoo biroo saamuu akka hin qabne ifatti gaafatameera.
Miseensonni paarlaamaa kun obsa akka fixataniifi kana booda callisuu akka hin dandeenye ibsanii “furmaata hatattamaa barbaanna” jedhaniiru. Gaaffiin isaanii deebii akka argatu abdii qabaachuu ibsuudhaan deebii kan hin arganne yoo ta’e paarlaamaa keessaa dhimmi biraa kan hin qabne ta’uu himan.
Hidhattoonni Amaaraa ‘qaama hidhate balleessina’ jechuudhaan hidhatanii daangaa Oromiyaa sarbanii: ajjeechaa, saamichaafi qe’eerraa uummata buqqaasuu raawwachuun isaanii sirrii akka hin taanes ibsan.
Dhimmi rakkoo nageenyaa Oromiyaa xiyyeeffannoodhaan ilaalamee daangaan Oromiyaa akka kabajamuuf, sabni nagaan ba’ee akka galuuf qaama dhimmi ilaalu kamiyyu waliin taa’anii mari’achuu qofti akka furmaata ta’e bakka bu’oonni kun ibsaniiru.