๐๐๐๐ ๐๐ ๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐
Baatii Eblaa, Baatii Kabajamaa, Baatii Ulfaataa, Baatii Yaadannoo!
Baatii (Jiโa) Eblaa, Ebla 15nii Guyyaa Yaadannoo Gootowwan Wareegamtoota Oromoo!
Guyyaan kun Qabsaawota Oromoo fi Ummata balโaa Oromoo biratti guyyaa kabajaa ulfaataa fi Guyyaa Yaadannoo Gootowwanii ti!
๐๐ฅ๐๐จ๐จ ๐ฆ๐๐๐ก๐๐๐๐๐!
Wareegamni Shiniggaa, IRBUUN SHINIGGAA guyyaa Tokkummaan Oromoo dhiiga qabsaawota Oromoo akka galaanaa walitti yaaโeen daran akka sibiilaa itti jabaatee fi utubaa taโee gadi dhaabbatee dha. Irbuu Shiniggaa, Tokkummaa Dhiiga Qabsaawota Oromoon irra deebiin mirkanaaโ eenyu illee sharafuu fi diiguu hin dandaโu! Irbuun Shiniggaa kudhaama bara baraa qabsaawota Oromoo fi ummata Oromoo ti.
Irbuun Shiniggaa Kaayyoo qaba; Akeeka qaba. Kaayyoo irratti dhiigni jige; wareegamni kafalame. Wareegamni qabsaaโota Oromoo, Ummata Oromoo fi qabsoo isaa bakka irraan gaโe qaba.
Ilmaan Oromoo, qabsaawotni sabaa osoo bilisummaa fi mirga ummata Oromoof haala adda addaa keessatti, bakka garagaraatti aamna qabsoo irratti wareegama kafalan cufti jiโa Eblaa kabajaa fi ulfaataa kana, Ebla 15 yaadatamanii oolu. Kanaaf Ebli 15 nu fuul-dura jiru GUYYAA YAADANNOO WAREEGAMTOOTA OROMOO ti.
Guyyaan kun ABO keessatti waggoota kudhanootaaf kabajamaa kan ture, deemsa qabsoo keessa ammoo guutuu ummata Oromoo biratti baramee fi fudhatamee kabajamuu eegalee jira.
Kanaaf, qabsaawotni Oromoo fi waliigalatti ammoo ummatni Oromoo bakka jiruu haalaa fi akkaataa isaaf dandaโameen Ebla 15 Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo guyyaa 10 booda kabajamu, akka kabajanii fi yaadatanii oolan garanumaa hubachiisna.
Guyyaa kana dhimma qabsoo ofii irratti, eessaa kaanee eessa geenye kan jedhuu fi hunda caalaa ammoo KAAYYOO Gootowwan Oromoo lubbuu ifii irratti kitiman maal irra jiraa fi eessa gaโee irratti waliin mariโachuun guyyicha dabarsuun barbaachisaa dha.
Ilmaan biyyaa, qabsaawota Oromoo haala garagaraa keessatti kufannii miidhamaa jiranis, kanneen hidhaa keessatti guyyaan itti dukkanooftee fi sababa kaayyoo kanaa qofaaf gidiramaa jiran dhimma isaaniis yaadachuu fi karaa dandaโamu hundaan dirmatuufiin akkaan barbaachisaa dha.
EBLI 15 BARA BARAAN NI YAADATAMA!
YAADANNOO FI ULFINNI BARA BARAAN GOOTOWWAN WAREEGAMTOOTA OROMOOF HAA TAโU!