Tigraayi keessatti yakki Waraanaa fi Namoomaa raawwatamuu Jaarmotni mirga dhala Namaaf falman Idil Addunyaa bebbeekamoon Lama ifa godhan
(SQ-Ebla 6,2022)
Jaarmiyaaleen mirga namoomaaf falman Idil Addunyaa Amnesty International fi Human Rights Watch ibsa kaleessa baasaniin Lixa Tigraay keessatti ajjeechaa fi yakki dhalattoota Tigraay irratti raawwatame ”yakka waraanaa fi yakka namoomaan qixxee dha” jedhaniiru.
Jaarmotni kun lameen ibsa qorannoo isaanii haaraa irratti hundaa’uun baasaniin duulli sanyiin adda baasanii bal’eessuu (ethnic cleansing) humnoota naannoo Amaaraa fi kanneen isaan deggaraniin dhalattoota Tigraay bakka walfalmisiisaa Lixa Tigraay keessa jiraatan irratti itti fufiinsaan raawwatamaa turuu ifoomsan.
Humnoonni naannoo Amaaraa hirmaannaa Raayyaa Ittisaa dabalatanii dhalattoota Tigraay kumoota hedduun lakkaa’aman tooftaan qe’ee isaanii irraa godaansisaniiru; seeraa ala ajjeesaniiru; haleellaa saalaa irraan gahaniiru; jumlaan hidhaniiru; deggarsa namoomaas dhorkaniiru jechuun yakka lammiilee Tigraayi irratti dalagame gabaasa kanaan saaxilaniiru.
Mootummoonni nu ilaallata jedhan ”duula duguuggaa sanyii kanatti xumura gochuun, lammiiileen Tigraay bakka nagaa fi fedhan gara qe’ee isaanii akka deebi’an, akkasumas yakkoota ulfaatoo raawwatamaniifis haqni akka jiraatu tattaafachuu akka qaban barreessaan Amnesty International gaafataniiru.
Mootummaan Itoophiyaa qaamoleen Nageenyaa fi Milishoonni ajjechaa kana akka dhaaban, ejensiileen gargaarsaa buufatalee namootni itti hidhaman dabalatee kaanittis akka seenan hayyama akka kennuu fi kanneen yakka gurguddaa raawwatan sirna haqaa amanamaa ta’een gocha isaaniif gaafatamtoota akka ta’an akka gargaaru gaafataniiru.