#IRBUU_SHINNIGAA

Imala dheertuu niyyaan alaalaa
Egeree iftuu fagootti ilaalaa…..
Mullata guddaaf osoo deemanii
Hireen hammaatte kiyyoo seenanii
Maal goona garuu
Hireen ayyaana maal goona garuu
Gololleen seenaa of duuba in maruu
Seenaaf dubbanna dhalootni haa baruu
Haa irraa baratee ittiin wal qaruu……..
Jiillii goototaa qarayyoon sabaa
Dhimmi deemaniif kan akkaan jabaa
Shinnigarratti rakkoon mudattee
Shiftaa harka seenuun bobbaan gufatte
Gareen shiftootaa warri akka feetee
Eenyummaa jiilaa laayyooma seetee
Amantiin qooddee kan feete ajjeesuuf
Wal ganan jettee seenicha hammeessuuf
KAMTU ISLAAMA KAM KIRISTIYAANNII ???
DIDDAN RASAASA KEESSAN IRBAATNI
LAMATTI HIRIIRAA ADDA WAL BAASAA
JETTE ITTI BAACCE QUBA ITTI RAASAA
NUTI AMANTIIDHAAN GARGAR IN BAANUU
NUTI OROMOODHA DUUNUU JIRAANNUU
JEDHANII DIDAN JIILLI HARKA IN LAANNEE
SODAA DU’AATIIF KADHAA IN WATWAANNEE
MURTII GOOTUMMAA MAAYII FUDHATAN
HADHAA DU’AATIS WALIIN UNATAN
MURATOO SABAA AS HAFEE IN QABNEE
GUYYAA SHINNIIGAA AKKASIIN DHABNEE
Timjii amantii wal gidduu dhiqee
Dhiigni oromummaa walit tinniqee
Walitti ititee waliin dikaawwe Seenaa biqilchee
Gurmuu tokkummaa keenya itichee……………….
Utubaa lafee dhibaayyuu dhiigaa
Siidaa tokkummaa irbuu Shinnigaa
Dubbii Eenyummaa dhaala dhalootaa
Arjooma lubbuu galfata gootaa……….
Abjuu tarsiimoo waadaa in dulloomnee
Haalaaf yeroorratti kan in hundoofnee
Irbuun shinniigaa jinfuu qarriisaa
Gurmuu sabummaa tiksu galmisaa
Falmaa biyya Abbaa cimsu galmisaa
Aduun qaqamee Aduun qaqamee gogee addaatee
Amma yoggaa ilaalan lafee fakkaate……
Sun lafee miti lafee namummaa
Dhaala dhalootaa siidaa tokkummaa……
Qabeenya qaalii hundarra Caaluu
Gatii inni baasu homtuu in madaalu
Sun lafee miti qabeenya keenya
Gaaf tokko in oolu fuunee ol keenya
Dhaala dhaloota ta’ee tikfama
Aasxaa gootummaa ta’ee ibsama
Dhaloota boodaatu ilaalee onnata
Kaayyoo masakaa irraa tolfata
Laalaa yaadannoo mudannoo badduu
Murtii gootummaa murannoo jabduu
#Walaloon kan Jaal Mikaa’el Booran

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *