Haleellaa lotoonni Eertiraa Shiraarootti raawwataniin lubbuun namaa darbe, hedduun miidhaman

Haleellaa lotoonni Eertiraa Shiraarootti raawwataniin lubbuun namaa darbe, hedduun miidhaman

(SQ-Waxabajji 1,2022)

Guyyoota dhumaa torbee darbee irratti haleellaa loltoonni Eertiraa magaalaa Shiraaroo keessatti raawwataniin ol-adeemtuun umrii waggaa 14 ajjeefamuu fi namoonni 18 ammoo madaa’uu Rooyitarsi gabaase.

Maddi oduu kun, ragaa jaarmiyaalee mirga namoomaan qindaa’ee harka UN jiru irraa odeeffannoo argadhe jechuun akka gabaasetti, loltoonni Eertiraa yoo xiqqaate yeroo 23 meeshaalee waraanaa gurguddoodhaan gara magaalaa Shiraarootti dhukaasaniiru jedhe.

Haleellaa loltoonni kunneen Sambataa fi Dilbata (ALI Caamsaa 20 fi 21, 2014) raawwataniin manni barumsaa namoonni qe’eesaaniirraa buqqa’an keessa qubatanii jiran haleelamuu Rooyitarsi gabaasa isaa keessatti eereera.

Magaalaan meeshaalee waraanaa gurguddaan haleelamteetti jedhamte kun daangaa Eertiraa irraa fageenya kiilomeetira 11 irratti argamti.

Gama kaaniin humnooti TPLF guyyoota lamaan darbanitti humnoota biyya ollaa, Eritiraa, waliin waraana adeemsisuu qondaalli olaanaa TPLF Obbo Geetaachoo Raddaa ibsanii turan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *