Shawaa lixaatti Waraanni Bilxiginnaa namoota nagaa 2 ajjeesuun nama 1 madeessuun beekame.

(SQ-Waxabajjii 7,2022l)

Maqaa duula waraana Bilisummaa Oromoo balleessuu jedhuun Golee Oromiyaa hunda keessa kan bobbaafaman waraanni Bilxiginnaa, Waxabajjii 5,2022 godina Shawaa lixaa aanaa Cobii ganda Iloo Bakakkaa jedhamutti namoota 2 ajjeesuun nama 1 ammoo madeessuu maddeen SQ nuuf himan.

Namoonni badii tokko malee ajjeefaman kunneen Obbo Girmaa leenjisaa fi Obbo Tolasaa Dibaabaa kanneen jedhaman yoo ta’an, Obbo nagaasaa Boolee ammoo rasaasaan miilla rukutuun yoo madeessaan. obboleessa isaanii Obbo Laggasaa Boolee irratti reebicha hamaa geessisan jedhu maddeen keenya.

Akka maddeen keenya nuuf himanitti Namoonni ajjeefaman kunneen namoota siyaasa keessaa qooda hin qabneefi jireenya dhuunfaa isaanii jiraatan yoo ta’an, hawaasa keessattillee jaallatamummaa guddaa qabaachuudha kan dubbatan.

Mootummaan faashistii Bilxiginnaa golee Oromiyaa hunda keessatti gocha duguuggaa sanyii Saba Oromoo fi lammiilee Oromiyaa irratti raawwachaa jiru kan durii caalaa jabeessee itti fufeera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *