Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba bahaa Waraana Bilxiginnaa haleele.
(SQ-Waxabajjii 12,2022)
Gootichi waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa bahaa Cibiraa Madda Walaabuufi Cibiraan Hambaa Aanolee waliin ta’uun Waxabajjii 11,2022 Godina Arsii Aanaa Shirkaa gandaa Leemmuufi Xijjoo bakka gaara Ropiilaatti Waraana Fi Kadiroota Bilxiginnaa maqaa sakkata’aa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhun deema turan haleelun loltoota PP 25 ol ajjeessun 40 ol ammoo maddeessun dhaga’aame.
Kanneen ajjeeffaman keessa bulchaan bulchiinsa Aanaa Shirkaa Ukaashaa Habiib jedhamufi kadiroonni biroon keessatti argamu jedhu kana malees poolisi idilee 3 fi milishaa tokko fayyaatti yoo booji’uu akkasuma meeshaa waraana Qawwee AKM 20 hidhannoo guutuu waliin Pistoo ykn Shugguxi 2fi maallaqa 7900 irra booji’uu ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo naannicha beeksise.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Oromiyaa guutuu keessatti waraana Bilxiginnaa haleelu ciimse itti fufee jira.