Manni murtii Walii gala Oromiyaa Beellama Koree Qindeessituu Mootummaa Ceehumsaa Biyyalessaa Naannoo Oromiyaa fi Gaazzixeessitoota ONN marsaa 10ffaaf dheeressee.
(SQ-Waxabajjii 16,2022)
Koree Qindeessituu Mootummaa Ceehumsaa Biyyalessaa Naannoo Oromiyaa fi Gaazzixeessitoonni Midiyaa ONN har’a marsaa 9ffaaf Mana murtii waliigala Oromiyaatti dhiyaatan.
Oolmaa dhaddacha mana murtii waliigala Oromiyaa Calcaliitti har’a Waxabajjii 16/2022 ooleen, Koreen qindeesituu mootummaa Ceehumsaa Biyyaalessaa Naannoo Oromiyaa fi Gaazzixeessitoonni ONN beellama mana murtiitti dhihaatanii turan, yeroo darbe marsaa 8ffaaf dhihaatanii Mormiin Abukaatoo himatni akka fooyya’u irratti ilaalchisee barreeffamaan galeen har’atti beellamni qabamuun ni yaadatama.
Dhaddacha Har’a jechuun Waxabajjii 16,2022 ooleen Himatni Fooyya’ee waan hin argamneef wal falmiin karaa Abbaa Alangaa waliigala Oromiyaa fi Karaa Abukaatoo isaanii ka’een manni murtii Wal falmii isaanii bitaa mirgaan ilaaluun Himata duraan dhiyaate kufaa taasisuun kan beellama marsaa 10ffaaf himatni fooyya’ee akka argamuuf Waxabajji 24,2022tti Beellamuun Hidhamtoonni kunis gara mana hidhaa daalattiitti deebifamani jiraachuu odeeffanneerra.
koreen Qindeessituun Mootummaa Ce’umsa Biyyoolessa Oromiyaa fi Gaazexessitoonni ONN kunneen
Qaasiim Abdulaahii Abbaa Waarii
Seefuu (Gabbisaa Lammii Fayyisaa) Abbaa Tamaam
Mahaammad Waadoo
Lammii Tasfaayee Baraartii
Kaliifaa (Gammachiis) Abdulfattaa Abduraahim
Mahammad Isaa Yeesuuf
Toofiiq Amaan Roobaa
Adiinaan Yoolsuuf Abdoo
Najaash Mahammad Amiin
Usmaan Adaam Ahimad
Daraaraa(Tarreekumaa Asaffaa Baacaa)
Callaa Usmaa’eel
Mahaammad Ahimad Mahaammad
Dachaasaa Wiirtuu
Kadiir Sayiid Jiiloo kanneen jedhaman yeroo ta’an Gaazzexeessitoonni ONN Galmee kana jalatti himataman ammoo
Dassuu Duulaa fi Biqilaa Amanuu Abbaa shoomaati.