Waraanni Bilxiginnaa reeffa Obboleessa Jaal Lammii akka uummanni hin awwaale dhorkatee.
(SQ – Waxabajjii 19,2022)

Mucaa xiqqaa Obboleessa Jaal Lammii Beenyaa kan Waxabajjii 17,2022 hidhattootni mootummaa magaalaa Naqamtee keessatti ajjeesan hanga ammaa maatiin reeffa ilma isaanii hin fudhatin jiraachuun dhaga’ameera. Warri mucaa kana ajjeese sababiin reeffa dhorkataniif namaaf hin galu. Haati ilmoo ishee fudhattee awwaalachuu dadhabdee jirti. Maatiin har’a guyyaa guutuu reeffa mucaa isaanii fudhatuuf ifaajjaa jiraatanis hanga yeroo oduun kun qophaa’uutti hin baafatin jiru.
Reeffa ilmoo ofii fudhatanii awwaallachuun maanguddummaa yeroo itti barbaachisu irra geenye jedhu namootni magaalaa Naqamtee. Namnuu karaa danda’uun maatiin kun ilmoo isaanii fudhatanii akka awwaallataniif waan danda’u haa tumsu jenna.