Magaalaa Baakkootti Barataaan kutaa 12ffaa FayyisaaTafarii jedhamu formulaa herregaa haaraa kalaqe.

Magaalaa Baakkootti Barataaan kutaa 12ffaa FayyisaaTafarii jedhamu formulaa herregaa haaraa kalaqe.

(SQ-Waxabajjii 23/2022)

Barataa Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Baakkoo kan ta’e barataa Fayyisaa Tafarii formulaa haaraa herregaa ‘artimeetik sikuwensi’ jedhamuu kalaquun Mana Barnootaasaarraa eegalee hanga naannootti darbees Yuunirsiitiiwwan Amboofi Saayinsiifi Teekinolojii Adaamaatti beekamtii argate.

Akaakuuwwan barnootaa hundarra herrega akka leellisu kan hime barataan kutaa 12ffaa kun, barnoota herregaa barattoonni danuun alaalatti sodaataniif formulaa gabaabaa kalaquu hima.

Kalaqnisaa kun keessumaa qormaata herregaa sa’aatii dheeraa fudhatu kan gabaabse ta’uu eerun.

Formulaa inni kalaqe kanaan firii barbaadamu karaa gabaabaadhaan argachuun akka danda’umu eeree, kunis barsiisota herregaatiin mirkanaa’uu dubbata.

Ittigaafatamaan Mana Barnootichaa Barsiisaa Balaay Bayyanaas Barataa Fayyisaan barnoota saayinsii uumamaa baratuufi abdii egeree biyyaa ta’e kun akaakuuwwan barnootaa hundaan daran cimaa ta’uu himan.

Kalaqnisaa kun mana barnootichaarraa eegalee sadarkaa sadarkaadhaan madaalamee bu’a qabeessa ta’uun mirkanaa’uus himaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *