Waraannifi tiki Bilxiginnaa mooraa jireenyaa hogganootaa fi miseensota ABO weeraruun Taaddaluu Yoonaas ukkaamsuun qabeenya saamuun dhaga’ame.
(SQ-Waxabajjii 24,2022)
Galagala edaa jechuun waxabajjii 23/2022 Humnootni Tikaa Murna Bilxiginnaa Mooraa mana Jireenyaa Hogganootaa fi miseensota ABO Magaalaa Finfinneetti argamu weeraruun qabeenya dhaabaa saamuu fi nama 1 ukkaamsuun dhaga’ame.
Mooraa jireenyaa sana keessa hogganoota ABO jaal Jabeessaa Gabbisaa, jaal Gammachiis Tolasaa fi qondaala dhaabaa Injiinar Daandii Garbooshee akkasumas kan waggaa dabre hidhaa keessatti miidhamtee gadi lakkifamuun hamma ammaatti dhibee ishee mudateef waldhaansarra jirtu jaal Taaddaluu Yoonaas akka jiraatantu himame.
Odeessa hanga oduu kana qindeessinetti nu dhaqqabeen humnootni sirna PP kunneen qabeenya mana keessa ture sakattahuun kan fudhatan yoo tahu Taaddaluu Yoonaas fuudhanii deemanii jiraachuus odeeffanneerra.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti Qondaalonni ABO kaan wayita humnootni kun dhufanitti mana waan hin turreef argachuu hin dandeenye kan jedhan, haga oduu kana qindeessinetti achi buuteen jaalTaaddaluus tahee haalli Qondaalonni ABO hafan keessa jiran waan hin beekamneef nama yaaddessas jedhaniiru. !