Komiishiniin Mirga namoomaa UN sarbama mirgoota namoomaa waraana Kaaba Itoophiyaa qoratu gara biyyaa seenuuf hayyama argachuun dhaga’ame.

Komiishiniin Mirga namoomaa UN sarbama mirgoota namoomaa waraana Kaaba Itoophiyaa qoratu gara biyyaa seenuuf hayyama argachuun dhaga’ame.

(SQ-Adoleessa 1,2022)

Komiishiniin idil-addunyaa sarbama mirgoota namoomaa waraana Kaaba Itoophiyaa keessatti raawwataman akka qoratu Mana Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin hundaa’ee ture gara biyyaa akka seenu hayyama argate.

Komiishinichi gara Itoophiyaa seenuuf mootummaa Itoophiyaa irraa hayyama argachuu maddi oduu Firaans AFPn gabaaseera.

Komiishinichi ammallee biyyattii keessatti mirgooti namoomaa idil-addunyaa, seeroti gargaarsa namoomaa fi baqattummaa cabaa jiraachuun akka isa yaaddesse hime.

Ajjeechaa Lixa Itoophiyaa lubbuu namoota 200 hanga 500 galaafate jedhe qorachaa akka jirus himeera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *