Wallaggaa Bahaa Harroo Limmuutti Waraanni Bilxiginnaa nama uumamaan dubachuu hin dandeenye tokko dabalatee namoota lama ajjeessun dhaga’ame.
(SQ-Adoolessa 13,2022)
Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Haroo Limmuu Magaalaa Bariisoo jedhamutti Adoolessa 13,2022 Waraanni mootummaa Bilxiginnaa namoota nagaa lama Getaachoo Hayilee fi Tamasgeen Itaanee jedhaman ajjeessu maddeen SQ nuuf himan.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti Tamasgeen Itaanee nama uumamaan dubbachuu hin dandeenyefi rakkoo sammuu qabudha jedhu.
Waraanni Bilxiginnaa Adoolessa 10,2022s Godina Wallaggaa Bahaa Galiilaa bakka jedhamutti namoota nagaa 7 badii tokko malee ajjeessu gabaasun keenya niyaadatama.