Dirribaa Mitikkuu Ati Shaneedha jechuun rasaasa itti roobsuun ajjeesanii

Dirribaa Mitikkuu Ati Shaneedha jechuun rasaasa itti roobsuun ajjeesanii

          (SQ  Adolessa 27/2022)

Akkama beekamuu sirnooni nifxii erga maqaa Oromoon aangoo qabatee summii ummata Oromoo irratti facaasuu jalqabee waggoota lakkoofsisaa jira.

Adoolessa 15 /11/2014ALH Godina Arsii Aanaa Heexosaa ganda Sibuu Abaadiriti nama maqaan isaa Dirribaa Mitikkuu jedhamuu ati shaneedha jechuun rasaasa itti roobsuun ajjeesanii jiru. Diribaan garuu nama siyaasa irra bilisaa fi nagaha fi jireenya mataa ofii qofa geeggeesuudha.

Yeroo amma magaalaan Sibuu Abaadir humna waraanaan guutamtee namoota nagaha reebicha cimaa fi hidhaa,dararaa hedduu ummanni arguu irra kan ka’ee qeerroo hedduun magaala gadi lakkisanii gara baadiyaa deemani jiraatuu.

Magaala kan keessatti ji’oota darban keesa namoonni dabbasaa guddaa qaban illee shaneedha jechuun qeerroo karaa irratti qabanii dabbasaa foon wajjin muruun isaa qeerroon nuuf himanii jiruu.
Magaalaan Sibuu Abaadir kan argamtuu kaabaan aanaa loodee Heexosaa.
Kibbaan gaaraa cilaaloo bahaan gaara gaalamaa fi dhihaan magaala booruu jaawwin marfamtee kan argamtuu yootaatuu sabbontota hedduu horachuu isheetiin yeroo amma waraanni kaambii lama keessa qubsiisani shanee qallabdan jechuun Ummata naannoo kana dararaa hamaaf saaxilaa jiru.

Akkasumas waraana kan nyaachisaa jechuun ummatarra deemani tumii fi reebuun akkuma itti fufeen jira. Namoota kan hin hojjannee ammoo maqaa shanee itti maxxansanii hanga lubbuu baasaa jiruu. Kana irra kaanee dararaaf saaxilamaa akka jiruu ummani oromoo akka nuuf beekta jechuu barbaanna

Qeerroo Heexosaa Ganda Sibuu Abaadir irra

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *