Al-shabaab Magaalaa Daangaa Xoophiyaarra Jirtu Irra Deebiin Haleele.
(SQ-Adoolessa 29,2022)
Al-Shabaab magaalaa Aatoo daangaa Itoophiyaafi Somaaliyaa irra jirtu keessatti Jimaata Adoolessa 29, 2022 yeroo lammataaf haleellaa raawwachuu aanga’aan mootummaa BBCtti himan.
Hidhattoonni al-Shabaab torbee dura magaalaa kana keessatti humna addaa naannoo Somaalii Itoophiyaa waliin wal waraaniin ture.
Gartuun kun torbee lama keessatti yeroo lammataaf magaalaa daangaa Itoophiyaatti dhiyoo jirtu keessatti haleellaa raawwachuu hordofee, hidhattoota garichaa fi humnoota Itoophiyaa jidduu waraanni akka ture aanga’aan mootummaa naannoo Somaalii tokko BBCtti himan.
Aanga’aan maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan kun haleellaan al-Shabaab raawwachuuf karoorfatee ture guutummaatti osoo hin milkaa’iin akka hafeefi injifatamee of duuba deebi’uun himu.
Lola gaggeeffameen humnoota Itoophiyaa garas bobbaafaman akkasumas gama hidhattoota al-Shabaab irraa namoonni ajjeefamuu kan himan aanga’aan kun, odeeffannoo dabalataa himuu hin feene.
Torbee darbe Roobii Adoolessa 20, 2022 hidhattoota al-Shabaab magaalota Somaaliyaa daangaa Itoophiyaatti dhiyoo Aatoo fi Yeed jedhaman keessatti haleellaa raawwatee ture.
Haleellaa kana hordofees gartuu kanaafi humna addaa naannoo Somaalii jidduutti lolli cimaan gaggeefamee ture.
Itti fufuun guyyoota shan booda Adoolessa 25, 2022 hidhattoonni al-Shabaab 200 ta’an daangaa Itoophiyaa seenuun naannoo Somaalii Godina Shebelee Aanaa Feer-feer iddoo Laas-Qurun jedhamutti haleellaa bananii, humna addaa naannoo Somaalii waliin lolli cimaan godhamee ture
Lola lamaan kanarratti al-Shabaab miseensota humna addaa naannoo Somaalii 80 ol ajjeesuu yoo himu, mootummaan naannoo Somaalii gama isaan lola lamaan irratti hidhattoota al-Shabaab 200 ta’an ajjeesuu ibse.
Somaaliyaa keessa kan socho’uu fi biyyoota ollaa akka Keeniyaa keessatti irra deddeebiin haleellaa kan raawwatu Al-Shabaab, Itoophiyaa irratti haleellaa akkanaa yoo raawwatu kun kan duraati.
Itoophiyaan humna al-Shabaab daangaa ishee cabsee seenuuf yaalii godhe sirnaan ofirraa qolachuu kan Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti kan himan Afrikaatti ajajaa olaanaan waraana Ameerikaa jeneraal Istiifan Toowonseend, gartuun kun baatilee itti aanan haleellaa wal-fakkaataa raawwachuu akka malu akeekkachiisanii jiru.
Haleellaa torbanoota darban al-Shabaab bane kana ittisuuf raayyaan ittisa biyyaa garas bobba’uu mootummaan naannoo Somaalii ibsee ture.