Ajjeechaa Jilmaa ykn Sanyii daguuggaa (Genocide).
Ibsa ejjennoo Gurmuu Qabsaa’ota Gameeyyii Bilisummaa Oromoo (GQGBO) irraa kenname.
Guyyaa Fulbaana 05/09/2022.
Yakka guddaa fi daguuggaa sanyii (Genocide) Horroo Guduruu Aanaa Amuruu Agamsaa fi naannawaa ishee keessatti raawachaa jiru itti fufiinsuma Empaa’erri Toophiyaa jaarraa tokkoo oliif uummata oromoo irratti raawwachaa turtee fi jirtuu dha.
Gochaa hamaafii Farra dhala namaa tahe kana nuti GQGBO cimsinee balaaleffachuu irra darbee Hawaasni addunyaa murna kana akka mana murtii adunyaatti dhiheessu gad jabeessinee gaafanna. Warreen Gochaa farra dhala namoomaa kana raaw’atan daddaffiin seeratti dhihaachuu baannan balaa guddaa akka fiduu malu akeekachiifna.
Bilxiginnaan uummata oromoo lafa irraa daguuguuf karoora karaa hundaan baafatte hojii irra oolchaa jirti. Innis tokkoffaan oromoo waraanaan lafa irraa daguuguu fi inni lamaffaan ammoo beelaan fixuu dha. Kanaaf ragaan qabatamaa isaa “qurxummii hunda qabuuf gallanicha gogisuun furmaata” jedhanii dha. Haala kanaan inni amma Hagayya 30 kaasee Godinaa Horroo Guduruu Wallaggaatti tahaa jiru kunis isuma kana hujitti hiikaa jiraachuudha agarsiisa.
Erga Abiyii Ahimad Aangootti ol bahee as isa duraa irra iyyuu caalaa daran oromoon sabaa fi sab-lammoota isa marsanii jiraniin haleelamaa, lafa irraa humnaan buqqa’aa fi jilmaan ajjeefamaa ykn duguugamaa jira. Gama Bahaan Somaalee, Gama Kibbaa fi dhihaan ammoo Finxaaleyyii Amaaraa, Gumuzii fi Benii shangul dabalatee irratti kakaasuun Oromootti roorrifamaa jira. Murni oromiyaan bulcha ofiin jedhu kun baroota arfan darban kana faannoo fi humna addaa Amaaraa bobbaasuun qe’ee fi qabeenya akkasumas midhaanii fi kuusaa uummataa gubaa jiru, kana irra darbee loon 5000 ol bushaa’ee fi maallaqa saamachaa jiru.
Kana qofa miti, akkuma duraan gooftoliin isaanii TPLF gochaa turan ( PP )Bilxiginnanis murna addaa leenjiftee WBO fakkeessuun oromiyaa keessatti bobbaaftee uummata oromoo afaan faajjessuun dhumaatiif saaxilaa jirti.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu keessatti gandootiin 18 ol finxaaleyyii Amaaraan weeraramee lubbuun uummata keenyaa hanga ammaatti 82 ol tahu dhumuu fi qabeenyi hundi barbadaa’uu irra iyyuu darbee bakkooleen kun hundi to’annoo humna finxaalleyyii Amaaraa jala seenee jiraachuu isaati.
Uummatinni naannawaa Sanaa buqa’ees homaa wabii tokko iyyuu akka hin qabneetu himamaa jira.
Murni PPs tahe warri kanaan dura mootumaa ofiin jechaa turan uummata oromoo irraa meeshaa hanga sakkiinitti irraa hiikanii sabaa fi sab-lammoota ammoo meeshaa xixiqqaa hanga gurguddaatti hidhachiisuun uummata oromoo lafa irraa buqqisaa fi sanyii daguugaa irratti raaw’ataa turanii fi harras dachaadhaan itti fufanii jiru. Hanga empaa’erri Ethiopa jirtutti uummata oromoo irratti sanyii daguuggaa fi lafa irraa buqqisuun ittuma fufa.
Murni PP uummata oromoo ofii fixuu irra darbee finxaaleyyii amaraa guuza (daboo) itti kadhachuun lafa irraa duguugsisaa jiru, kanaafis waamicha Persdaantiin oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa humnoota Amaaraa guuza kadhachuun ni yaadatama. Wanti baayyee nama gaddisiisu ammoo uummatinni oromoo saba addunyaa kana irratti dirmannaa dhabee dha. Hawaasinni adunyaa kunis gaafa oromiyaa keessatti amarri tokko akka tasaatti du’u iyyuudhaan adunyaa raasaa oolu
Harra garuu gaafa finxaaleyyii fi humni addaa naannoo amaaraa uummata oromoo oromiyaa keessatti itti duuluudhaan lafa irraa daguugan namni gadi ba’ee homaa dubbatu hin jiru. Kanaaf uummatinni oromoos tokkummaa isaa cimsatee alaa fi keessaan ka’ee wal kakaasee of baraaruun dirqama isa irraa maayyii ti jenna.
Dhimma kana ilaalchisee nuti GQGQBO uummatinni oromoo fi dhaaboti oromoo afaan tokkoon ol ka’anii akka balaaleffatanii fi tarkaanfii barbaachisu hunda fudhatan gad jabeessinee gaafanna.
Injifannoon Uummata Oromoof!!! Gurmuu Qabsawota Gameeyyii Bilisummaa Oromoo irraa