Uummanni Oromoo Finxaaleyyii Amaaraan Godina Horroo Guduruu Aanaa Amuruu fi Horro Bulluq irraa buqqaafaman deeggarsa gaafachaa jiraachuun himame.

Uummanni Oromoo Finxaaleyyii Amaaraan Godina Horroo Guduruu Aanaa Amuruu fi Horro Bulluq irraa buqqaafaman deeggarsa gaafachaa jiraachuun himame.

(SQ-Fulbaana 15,2022)

Hagayya 23 hanga hagayya 25tti Haleellaa hidhattoonni finxaaleyyii naannoo Amaaraa lammiilee nagaa irratti raawwataniin jiraattonni Godina Horroo Guduruu Aanaa Amuuruu qe’eefi qabeenyaa isaanii irraa buqqa’an deeggarsa akka barbaadaa jiran himamee jira.

Guyyaa haleellaan kun eegalame irraa kaasee hanga ammaatti lammiilee kanaaf deeggarsi isaaniif barbaachisu akka hin taasifamnes himamaa jira.

Haleellaa hidhattoota finxaaleyyii naannoo Amaaraatiin jiraattoota magaalaa Agamsaa fi kanneen bakka biraa keessa turan yeroo ammaa kana keessatti sodaa lubbuu isaaniitiif jecha manneen barnootaa fi manneen amantaa da’eeffachuun jiraachaa akka jiranis himamee jira.

Waajjirri sodaa balaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa gama isaatiin akka himetti lakkoofsa namoota qa’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’anii hagam akka ta’e adda baafachuuf koreen hundaa’e gara hawaasa sanaatti erguudhaan hojiin hojjatamaa jiraachuu gabaafamee jira.

Kanaan dura hidhattoonni finxaaleyyii naannoo Amaaraa daangaa mootummaa naannoo Oromiyaa seeraan ala cabsuudhaan lammiilee nagaa irratti haleellaa fudhachuun lubbuu namaa fi qabeenya namoota nagaa irratti badii guddaa geesisuu maddeen oduu biyya keessaa fi alaa gabaasaa turuun isaanis kan yaadatamuudha.

Dhiheenya kana keessatti hidhattoonni kunneen haleellaa godina Horroo Guduruu aanaa Amuuruu irratti fudhataniin namoota nagaa lakkoofsaan hanga 50 ol ta’an lubbuu isaanii galaafatanii jiru.

Bu’uuruma kanaan dhaabbanni koomishinii mirga namooma Itiyoophiyaa gaafa guyyaa qaammee 3 bara 2014 ALHtti qorannoo taasiiseen namoota 60 ol humnoota kanaan yoo ajjeefaman namoonni nagaa 70 ol kan ta’an ammoo miidhaan qaamaa cimaan irraa qaqqabee jira jechuun ibsa isaatiin addeessee jira.

Dabalataanis lakkoofsi namoota qa’ee fi qabeenya isaanii irra godaananii kuma 20 ol akka ta’es komishiniin mirga namooma Itiyoophiyaa himeera.

Lammiilee qe’ee isaanii irraa godaanan kanaaf ammoo deeggarsi hatattamaa akka barbaachisus koomishinichi beeksisee jira.

Haata’u malee yeroo ammaa kana keessatti lammiilee kanaaf deeggarsi taasifamaa kan hin jirre ta’uu fi deeggarsa hatattamaa Eeggachaa akka jiran VOA’n gabaaseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *