Shawaa Lixaatti Waraanni Bilxiginnaa dargaggoo tokko ajjeese.
(SQ-Onkoloolessa 8,2022)
Onkoloolessa 1,2022 Waraanni faashistii Bilxiginnaa Godina Shawaa lixaa aanaa Cobii ganda dirree qabbanaa jedhamutti dargaggoo maqaan isaa Jaalataa Baqqalaa jedhamu osoo inni magaalaa Jalduutii maatii isaaf ergaa deemee galaa jiruu rasaasa 3 itti roobsuun ajjeesuu maddeen SQtti himan.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti dargaggoon ajjeefame kun nama siyaasa keessaa qooda hin qabnee fi hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa qabu yoo ta’u, badii qabaatee osoo hin taane Oromummaa isaa qofaan yakkamee haala suukanneessaan ajjeefame jedhu.
Mootummaan Faashistii Bilxiginnaa maqaa sakatta’a waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu hojii idilee isaa godhatee itti fufeera.