Kaayyoon marii nagaa Afrikaa Kibbaatti mootummaa Itoophiyaa fi humnoota Tigraay gidduutti gaggeeffamu waraanni Eertiraa Itoophiyaa keessaa akka bahu gochuudha jette US.

Kaayyoon marii nagaa Afrikaa Kibbaatti mootummaa Itoophiyaa fi humnoota Tigraay gidduutti gaggeeffamu waraanni Eertiraa Itoophiyaa keessaa akka bahu gochuudha jette US.

(SQ-Sadaasa 1,2022)

Oduu himaa waajjira dhimma alaa kan ta’an Need Piraayis Onkoloolessa 31, 2022 ibsa kennaniin qaamoleen mariyatan wantoota afur mirkaneessuuf akka ta’e ibsan.

Ibsa kennaniin kaayyoo marii kanaati kan jedhan hatattamaan waraana dhaabuu, lammiilee Itoophiyaa gargaarsi barbaachisu hundaaf gargaarsa dhiyeessuu, nageenya lammiilee nagaa mirkaneessuu fi waraanni Eertiraa Kaaba Itoophyaatii akka bahu gochuudha.

Mariin nagaa mootummaa Itoophiyaa fi humnoota Tigraay gidduutti eegamaa jiru Onkoloolessa 24 Afrikaa Kibbaatti kan eegale yoo ta’u hanga Sadaasa 2, 2022 tti itti fufa jedhame.

Qaamoleen lamaan balbala cufatanii marii gaggeessaa jiraatanis, ajandaan marii fi maal irra akka gahan wanti beekamu hin jiru.

Haa ta’u garuu oduu himaan wajjira dhimma alaa US akka jedhanitti Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa US kan ta’an Maayik Hamar marii nagaa Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamu irratti hirmaataa akka jiranii fi hanga mariin kun turutti achuma akka turan ibsan.

Marii kana irratti Ameerikaa dabalatee IGAD fi UN taajjabdoota ta’anii maricha irratti akka hirmaatan Gamtaan Afrikaa ibsee ture.

Need Piraayis ibsa kennaniin akka jedhanitti Maayik Hamar maricha irratti hirmaachun isaanii kaayyoo maricha arfan irratti qaamoleen lamaan yaada isaanii dhiphisanii akka walii galaniif ni gargaara.

Torban darbe keessa waraanni Itoophiyaa xumura ni argata yaada jedhu kennanii kan turan Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad ibsa dhima marii nagaa irratti yaada CGTN’f kennaniin maricha keessatti qaamoleen hedduun hirmaachuun waliigalteerra gahuun rakkisaa akka ta’u godha jedhaniiru.

Marichi dheerachuun isaa qaamoleen lamaan yaada “walirraa fagoo” ta’anii gara Afrikaa Kibbaatti imaluu isaanii akka agarsiisu dubbatan Need Piraayis.

Gama biraan ammoo qaamoleen lamaanuu “waliin mariyachuuf fedhii qabaachuu” isaanii agarsiisa jedhan aangawaan US kuni.

“Lamaan isaanituu taa’anii mariyachuuf fedhii kan qabanii fi walirraa fageenyaa yaadaa gidduu isaanii jiru dhiphisanii [carraa] itti mariyatan jennee yaanna,” jedhan oduu himaan waajjira dhimma alaa US, Need Piraayis

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *