Shawaa Bahaa Fantaalleefi naannoo isheetti tajaajilli Neetoorkiifi Baankii adda cituun hawaasni rakkoof saaxilamaa jira.
(SQ-Sadaasa 4,2022)
Godina Shawaa Bahaa aanaa Fantaalleefi Naannoo isheetti Sababa rakkoo nageenyaatiin Namoonni waraanna PP’n du’aa, madaa’aafi qe’eerraa buqqa’aa kan turanifi jiran yoo ta’u, yeroo amma kana tajaajila baankii dabalatee tajaajiloonni biroon adda cituun hawaasi naannicha rakkoo keessatti argamu himaatu.
Yeroon Amma yeroo barattootni gara mooraa yuunvarsiitiitti deebi’an ta’ullee barattoonni naannoo Oromiyaa Godinaalee akka Wallagga Lixaa, Wallagga Bahaa, Horro Guduruu wallaggaafi Shawaa lixaatti argamaan sababa rakkoo nageenyaaf akkaan yaaaddoo keessa galaniiru.
Naannoo Oromiyaa keessatti namni nagaan bahee galuun yaaddoo ta’aa dhufullee gama qaama ilaallatuun hanga gabaasa kana qindeessinetti wanti jedhame hin jiru.