WBO’n magaalaa Naqamtee seenuu wal walqabatee waraanni Bilxiginnaa namoota nagaa heddu ajjeesse.
(SQ-Sadaasa 7,2022)
Tibba kana Waraanni Bilisummaa Oromoo magaalotaafi godinoota Oromiyaa adda addaa keessatti oppireeshinii addaa taasisaa jira.
Waraanni Biliisummaa Oromoofi humnoonni Bilxiginnaa sa’atii lamaa oliif dhukaasa wal jijjiiraa erga turanii booda, Miseensonni poolisii federaalaafi humni addaa duubatti deebi’uun WBO’n magaalaa seene jechuun jiraataan magaalicha dhimmicha hordofaa hima .
Humnoonni mootummaa yeroo sana duubatti deebi’aa turan, jiraattota magaalittii daandiirra adeemaa turaniifi gariin ammoo mooraa mana jireenya keessatti haleeluun, lubbuun namoota nagaa galaafataniiru jedhu namooni ijaan argan.
Rasaasa humnoonni mootummaa dhukaasaniin namoota magaalicha keessatti ajjeefaman keessaa namoota 6 sirriitti akka beeku hima maddi keenya.
Miseensota maatii tokko keessaa obbolaan lamaan Iyyoob Alamaayyoofi Feenet Alamaayyoo jedhaman humnoota mootummaa lola baqatanii dheessaa turaniin, mana isaanii keessatti rukutamanii lubbuun akka darban himu.
Namoota ajjeefaman keessatti haati daa’ima baattee mana amantaarraa deebi’aa turte, maanguddoon tokko ganda Qassootti, obbolaan lamaan mana maatii isaanii keessatti ajjeefamuun alatti, namoonni hedduun ammoo rasaasaan rukutamanii Hospitaala seensifamuu himu jiraattonni magaalaa Naqamtee .
Namoonni nagaan ajjeefaman walitti dhukaasa gartuulee lameenii gidduutti miti kan ajjeefaman jedhu.Loltoonni mootummaa akkanumaan dhukaasanii nama ajjeesu, haala kanaan ajjeefamanii jedhu.
Bakkeewwan namoonni nagaa itti ajjeefaman iddoowwan Waraanni Biliisummaa Oromoo hin qaqqabiin akka ture kan himan maddeen, bakki Obbolaan lamaan itti ajjeefaman naannoo Buufata fayyaa ta’uu ibsuun, poolisiin humna addaa gara mooraa buufata fayyaatti baqachaa yeroo ture namoota nagaa hedduu rukutuusaaodeeffanne.Ajjeefamuu namoota nagaan uummanni gadda cimaa keessa jiras jedhan.