Horro Guduruu Wallaggaa Jaardagaa Jaartee keessatti Faannoon Amaaraa uummata nagaa irratti haleellaa raawwatan.
(SQ-Sadaasa 16,2022)
Deeggarsa Mootummaa Bilxiginnaatiin daangaa Oromiyaa cabsanii seenuun haleellaa uummata nagaa irratti raawwachaa kan jiru Milishaan Amaaraa fi Faannoon irra deddeebiin Wallaggaa Bahaa fi Horro Guduruu Wallaggaa keessatti yakkaa gurguddaa geegeessaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya niyaadatama.
Haaluma kanaan kaleessa Sadaasa 15, 2022 Humni Finxaaleyyii Amaaraa kun Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaartee magaalaa Jaartee seenuudhaan ummata nagaa ajjeesaa, qabeenyaa fi manneen ummataa barbadeessaa ooluu maddeen SQtti Gadaa himaniiru.
Sadaasa 14, 2022 ammoo Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee gandoota Dagalchiisii fi Suutee jedhaman seenuun lubbuu namoota 5 yoo bal’eessan, manaa fi qabeenya hedduu akka gubanis odeesi arganne ifa godha.
Qaamni mootummaa uummata kanan gaggeessa jedhu hanga gabaasaa kana qindeessinetti uummataaf dahoofi gaachana tahuun ha hafuu màaltu isin mudate jechuun illee akka hin gaafanne dubbatuu jiraattonni.
Haleellaa irra deddeebiin naannichatti raawwatuun jiruufi jireenyi isaanii jala golgola’uu kan himan jiraatonni, namatti himannu dhabnee akkaan yaaddoo keessa galleerraa jedhu.