Waldaan Masarata Kiristoos rakkoo Oromiyaatti mudateen miseensonni 348 jalaa ajjeefamuu ibsite

Waldaan Masarata Kiristoos rakkoo Oromiyaatti mudateen miseensonni 348 jalaa ajjeefamuu ibsite

(SQ-Sadaasa 23,2022)

https://t.me/hordofaa

Waldaan Masarata Kiristoos rakkoo nagaa Oromiyaa godiinota garaa garaatti mudateen hanga ammaa miseensonni ishee 348 jalaa ajjeeffamuu ibsa Sadaasa 21 baasteen beeksifte.

Amantoonni waldattii harki hedduun kan ajjeefaman ammoo Godiina Wallaga Bahaa aanaalee irra deddeebiin ajjeechaa fi buqqaatiin ummataa keessatti raawwataa ture keessatti akka ta’e ibsame.

Dabalataanis manneen jireenyaa fi qabeenyi amantootaa fi tajaajiltoota waldattii itti yaadamee akka gubatee fi barbaada’e ibsame.

Pirezidaantii Waldaa Masarata Kiristoosii Paastar Dassaalany Abbabaa, “Ragaan galmeessinee kun maqaa warra ajjeefamanii beeknuti malee lakkoofsi kanaan oliidha,” jedhu.

Lakkoofsi namoota ajjeeffaman kanneenis miseensota waldattii qofaafi kan firaa fi hiriyaa isaanii hin daballe ta’u kan himan pirezidaantiin waldattii, “Waggoota lamaan sadan darban keessatti nama qaroo hin qabnee dabalatee namoonni nagaan hedduun ajjeefamaniiru,” jedhu.

“Inni hidhatee deemu yeroo itti uummata irratti dhukaasu jira, mootummaan immoo isaan soortan jedhee yeroon itti dhukaasu jira.”

Akka isaan jedhanitti, ajjeechan kun kan raawwate qaama mootummaa, qaamoolee hidhatanii bosona jiraniifi kanneen finxaaleyyii Amaaraa jedhamaniin. ”Uummanni qaama sadan kana gidduutti rakkataa jira” jedhan.

Bifuma wal fakkaatun Waldaa Warra Wangeelaa Makana Yesuus Itoophiyaa (WWMYI) ibsa Sadaasa 11, 2022 baastee turteen, Godina Wallagga Bahaa Aanaa Saasiggaa ganda Gaallotti guyyaa Sadaasa 6, 2022 amantonni osoo waaqeffannaarra jiranuu hidhattoota bakka biraatii dhufan jedhamaniin jumlaan ajjeefamuu beeksisuun ishee ni yaadatama.

Haleellaa jedhame sanaanis tajaajiltoota dabalatee miseensoti waldattii 15 jumlaan ajjeeffamutu ibsame.

Waldaan Masarata Kiristoos ibsa baasteen kanaan lubbuun lammiilee nagaa bu’aa siyaasaf oolaa jira jechuun komatte.

“Biyya keenya gara lixaa, addatti godiina Wallaga Bahaa fi Oromiyaa bakkeewwan tokko tokkotti uummata barootaaf waliin jiraataa ture gareen muraasni isa tokko ajjeesaa, isa biraa ammoo kan du’u gochuun lubbuu namaa ulagaa ittiin bu’aa siyaasaa argatan godhanii itti fayyadamaa akka jiran ni hubanna,” jedha ibsichi.

Pirezidaantin waldattii Paastor Dassaalany gama isaanitiin BBCtti akka himaniitti, “Namoonni ajjeefaman namoota nagaa qaama hidhate waliin hidhata homaa hin qabne, gaggeessitoota waldaa, namoota qaro dhabeeyyii baqachuu hin dandeenyetu siree isaanii irratti du’an.

”Namni eessa dhaqa qe’ee isaa dhiisee?” kan jedhan Paastar Dassaalany, inni hidhate wal ajjeesuuf manaa bahe, waraana idilee keessatti qaamni wal lolu iddoo hawaasni hin jirretti wal lola jedhan.

Garuu, ”hawaasa qixa lamaanitti dhukaasni gaafa banamu, mana keetii ba’i jedhanii haadha manaafi abbaa manaa gargar baasanii gaafa ajjeesan kun maal jedhaman?” jechuun gaafatu.

Dhimma rakkoo wal xaxaan akkasii mootummaan dubbachuu dhiisuu, uwwisni miidiyaa dhibuun, inni tokko gaafa miidhamu qofa ol kaasanii iyyuu fi tajaajilli telekoomii yeroo dheeraaf adda ciccituun, miidhaa ajjeechaa fi badiin qaqqabe adda baasuf rakkisaa taasisaa akka ture himu Paastar Dassaalany.

Sababa waraantiin namoota buqqa’anii naannoo Dabra Birhaan qubataniif baasii birrii miliyoona 60 baasun deeggarsa gochaa akka jirtu kan eerte Waldaan tun, waraanni Kaaba Itoophiyaas osoo hin eegaliin dura waraanni obboloota gidduutti akka hin barbaachifne labsaa akka turte ibsite.

Dabalataanis waldattiin, “Gaaffin waraanan deebi’u hin jiru, mufiin humnaan furamus hin jiru, hin jiraatus,” jechuun waamicha nagaa dhiyeessitee jirti.

“Waamicha kana nama nu dhagahu hundumaaf dhiyeessina. Ummata humnaan of jaalachiisuun hin danda’amu. Kaabatti lola gaggeeffameen erga namni hanga kanaa dhumee booda harka wal qabatanii nagaa wal fuudhan.

”Dhumni waraanaa mariidhumaan xumurama. Kanaaf dogoggora irraa barree mari’achuutu barbaachisaadha. Mariin waan hin furre hin qabu. Osoo mariin jiraatee badiin kun hundi hin gahu ture,” jechuun rakkoo jiru mariin akka furamuuf waamicha dhiyeessu.Waldaan Masarata Kiristoos ajjeechaa lammiilee nagaa miseensota ishe ta’an irrati raawwatame jette kanaaf, “Mootummaan nageenya lammiilee eegsisuu yoo hin dandeenyetti, lammiilen balaa itti dhufu jalaa akka of baraaraniif dursee odeeffannoo kennuu qaba. Tajaajililoota bu’uuraa kan akka telekoomii irraa cufuun ummata badiif saaxiluu irra akka of qusatu” jechuun waamicha dhiyeessite.

Gama biraan, Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa fi qaamoleen dhimmi isaa ilaallatu hunduu yakka suukanneessaa hanga ammaa lammiilee nagaarratti raawwate qoratanii uummataaf ifa akka godhanii fi qaamolee yakka kana raawwatan seeratti akka dhiyeeffaman cimseen gaafadhas jette waldattiin ibsa baafte kanaan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *