Yoo Qabsaahaa Haqaa taati wantoota armaan gadii hojiirra Oolch
• Ummatni Oromoo makmaaksa fokkataa”Kan Haadha tiyya fuudhe martinuu naaf Abbaa dha “jedhuu dhiisee Abbaan kiyya Abbaa dhaladheef malee abbaa naaf ta’uu hindanda’u akka jechuu qabutti itti himuudha.
https://t.me/hordofaa
https://chat.whatsapp.com/LAzVHa4HqhsCccRHuz6sBB
• Hojii kee beeki!
• Danddeettii hojii keetii tooftaan agarsiisi!
• Garaa baldhadhuu,obsa qabaadhu!
• Jaallan danddeetiin sii gadii barsiisi,warra sii olii irraa baradhu!
• Ummata baldhaa jaalladhu kabaji!
• Kabajaa dhala ilma namaa barbaachisuun ummata kee qabi!
• Yeroo hundumaa fakkeenya gaarii ta’i!
• Wanneen bu’uura ta’anii fi gufuu si mudatu malaniif ilaalcha kenni!
• Of-bari karaa ittiin of wayyeessitu soqi!
• Fedhii gaafatama fudhachuu horadhu.
• Tarkaanfii fudhatteef gaafatammummaa fudhadhu.
• Murtii yeroo isaa eeggatee fi qajeelaa kenni!
• Ummata Jaalala jaarmayaa fi biyyaa akka hortan godhi.
• Murna Jaarmayaa hundaa waan dandeettii isaanii hojjachiisi.
• Ummata dantaa mataa isaanii irra akka kan biyyaa dursu godhi,kan mataa yoo gaaffiin biyyaa deebi’e akka guutamu hubachiisi.
• Namni kamuu uumaan bilisa ta’ee dhalate,oromoonis qaama ummata addunya waan ta’eef gabroomuu fi bilisoomuun akka jiru ummata Abdii itti kenni.
• Ummata oromoo sabboonummaa orommummaa akka horatan godhi, akka kan dantaa irraa fagaatan taasisi.
• Tokkummaa dhabuun kan nu diigee fi umurii Gabrummaa nu irratti dheeresse waan ta’eef,ummata oromoo tokkummaa isaanii akka qaroo ijaatti akka eeggatan taasisi
• Oromoon kan Gabroome oromummaa isaatiin malee Amantii,Kutaa ,Gandaa fi Naannootiin miti,kanaaf, Oromiyaa bilisoomtee namuu mirga isaa itti eeggatu dhuunfachuun murteessa ta’uu hubachiisi.
• Ummata Oromoo gama Gamtaa diddaa fincillatti kakaasi,qopheessi.
• Biyya Anbaa deemuun akka Gabrummaa lammaffaa ta’e hubachiisi.
• Gabroomuun akka kabajaa uumaan ummatni Oromoo qabu hindhoorgine beeksisI,garuu xiqqeenyi guddaan ijaaramuun diina gamtaatti deebi’uu dhiisan afaaan keessa wal-deebi’uu akka ta’e qusannaa tokko malee itti himi.
• Amantiin Gabrummaa hayyamtu tokkollee hinjirtu,kanaaf warra maqaa Amantiin ummata afaan faajjessan kan dursu diina biyya humnaan fudhate,qabeenya saamaa jiru fi Dubartoota Oromoo humnaan gudeedaa jiru ta’uu hubachiisi.
• Ummata Oromoo akka Orommummaa isaatiin boonu taasis.
• Wareegni asiin duraa maqaa Amantii sababsachuun godhame ummata keenya kan miidhe malee akka bu’aa hinbuufne itti himi.
• Ummata maqaa hiree wareegamtoota qabsawota ilmaan Oromootiin biyya anbaa deemuu jireenya godhate kana yoo qabsoon hinjirre akka tunis hinjirre hubachiisu.
• Fafa,xiqqeenya,salphina,qaanii fi ceera itti jiru keessaa bahuuf Oromoon tokkoomee, akka sabaatti ijaaramee falmachuun qofti akka furmaata ta’u hubachiis.
• Oromoon Jijjiirama barbaada,jijjiirraa hundee fiduuf ijaaramuun jaarmaya cimaa horachuun murteessaa ta’uu itti hubachiis.
• Dhaabni maal hojjatee jira jechuu irra, namuu ani ummata kiyyaaf maal hojjadhe jiraa jechuun akka quba ufitti qabutti dammaqsi.
• Ummatin hedduun miidhaa biyya isaatti irra gahe jalaa fafaca’uun eega turan booda carraa argametti ufi gurmeessuun akka mirga argatan fakkenya ka’uun ibsiif,
Qabsahaa irraa kan eegamu kana dirqama kee bahadhu.