Wallaggaa Lixaa Jaarsootti Waraanni Bilxiginnaa namoota nagaa 3 ajjeesuun tokko ammoo madeesse.

Wallaggaa Lixaa Jaarsootti Waraanni Bilxiginnaa namoota nagaa 3 ajjeesuun tokko ammoo madeesse.

(Sagalee Qeerroo-Mudde 3,2022)

Godina wallaggaa Lixaa Aanaa Jaarsootti Sadaasa 30, 2022 Waraanni Bilxiginnaa Rayyaa Ittisa Biyyaa jedhaman maqaa WBO sakatta’uu jedhuun bobba’an namoota nagaa sadii ajjeesuun, dubartii tokko ammoo madeessuu maddeen SQtti himan.

Waraanni Rayyaa ittisa biyyaa Bilxiginnaa naannoo magaalaa Jaarsootti lola WBO waliin geggeesseen injifatamuun namoota nagaa mana isaanii keessatti ajjeesse jedhu maddeen keenya.

Dargaggoo tokko baadiyyaa irra qabuun magaalaa keessatti geessuun rasaasaa lamaan rukkutanii ajjeesan kan jedhan maddeen, barsiisa tokkos naannoo mana jireenya isaatti ajjeessan jedhu. Kana malees, naannoo qaame jedhamutti daragaggoo tokko kan ajjeessan yoo ta’u, achuma ganda sanatti dubartii guddoo hojii humnaa hojjechuun of jiraachiistu maqaa ishee Nashaa Wiintoo jedhamtu ammoo rasaasaan dugdaa keessa rukkutuun, qooman baasan jedhu. Addee Nashaan yeroo amma yaalas osoo hin argatiin du’aaf jireenya giddu jirti jedhu.

Kana malees aanaa Jaarsootti Waraanni PP manneen uummatatti dhukkaasuun, mana namoota qabeenya qabanii seenuun saamicha raawwacha jiru jedhu.

Mootummaan Bilxiginnaa aanichaa irra tajaajila Network fi internet guutumatti baleessee waan jiru odeessa guutuu argachuunis rakkisadha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *