๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐
๐๐๐๐ ๐๐๐ ๐๐-๐๐-๐๐๐๐
Ajjeechaan waggootaaf Oromiyaa mancaasaa ture, achiis Kaaba, Tigraayitti cehe, ammammoo humna guutuun gara Kibba Oromiyaatti fuula naanneffatee jira. โHumna Qindaaโaaโ jedhamee kan waamamu, Humna Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa, Humna Poolisii Addaa Naannoo, Poolisii Federaalaa fi Faannoo of keessatti hammate โThe so-called โCoalition Force, which constitutes Ethiopian National Defense Forceโ kallattiiwwan garagaraatiin gochaa ajjeechaa cigaasisaa isaanii irra deebiin jalqabaniiru.
Adda Waraanaa Baha Oromiyaa, Fantaallee fi Boosat keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo fi โHumna Qindaaโaaโ kana gidduutti waraana jabaan gaggeeffamaa jiru guyyaa shanaffaa qabaatera. Adda waraanaa Gujiitti, oppireeshinii guddaan adeemsifamaa kan jiru yommuu taโu, kunis waraana jabaa hordofsiisee jira. Oromiyaa Lixaatti, โHumnootni Qindaaโooโ lakkoofsaan hedduu taโan Matakkaliin weeraranii, Laga Mormor karaa Agamsaa cehuun ajjeechaa isaanii itti fufanii jiru. Shawaa Kaabaa, Gidduugala Oromiyaatti, duulli wal fakkaataan naannolee Salaalee fi Meettaa keessatti adeemsifamaa jira.
Amala jibbisiisaa waraana hin barbaachifne kana keessaa inni ijoon, namootni nagaa hedduun qeโee fi qabeenya isaaniirraa buqqaโaa jiru. Dubartootni, daaโimmanii fi maanguddootni – nyaata, manaa fi namooti miidhaan irra gahee yaala tokko malee, dirree irratti hafaniiru. Garaa jabinni Qaamolee Qindaaโoo kanneenii daangaa darbee jira. Imaammatni Mootummaan Itiyoophiyaa โqurxummii balโeessuuf galaanicha gogsuuโ jedhee baase hammaatee itti fufee jira.
Ajjeechaa kanas yaaddessaa kan taasisu, taateen kun hundi kan hogganamuu fi qindaawu, humna alaa, Humnoota Ittisaa Eeritiriyaa kanneen Kaaba biyyattii keessatti gochaa hammeenyaa raawwachuun beekamaniini dha. Michuuwwan biroon ammoo diroonii fi teeknoloojii tikaa dhiyeessaa jiru. Mootummaan Itophiyaas qaamolee alaa kanneen daangaa seeraan beekame, aangoo guutuu eegumsa taasisuufii itti qabna jedhanitti humnoota alaa kanneen affeeree sarbamiinsi mirga namootaa olโaanaan akka qaqqabu gochuu isaatiin itti gaafatamummaa guutuu fudhata. Waraanni kun jiโoota itti aanan keessattis akka jabaatee itti fufu karoorfamuu gabaasaaleen amanamoon ni mulโisu. Haleellaa raawwatamuuf karoorfame kanaan namootni miliyoonotni miidhaan akka irra gahu ABOn yaaddoo qabu ni ibsa. Haleellaa Xiyyaaraa fi Meeshaalee Waraanaa Gurguddoo qeโee jireenya ummata nagaa keessatti fayyadamuun, buqqaโiinsaaf akkasumas miidhaa olโaanaaf saaxiluun ummata balaa hammaataa irra buusa.
Kanaafuu, ABOn irra deebiโee Mootummootni Naannolee Itiyoophiyaa, Humni Addaa fi Milishaan isaanii waraana kanatti akka hirmaataniif akka hin ergine irra deebiin waamicha taasifna. Lixa Oromiyaa, Beegii keessatti, torbee darbe qofa, lammiileen nagaa 27 ol taโan Humna Addaa Naannoo Beenishaanguliin ajjeefamuu isaaniitiif gabaasni qabatamaan ABO qaqqabee jira.
Dhibdee siyaasaa fi walitti buโiinsa Itiyoophiyaa, Oromiyaa keessatti uumame kanaaf furmaatni tokkichi, Furmaata SIYAASAA taโuu irra deddeebiin beeksisaa turreerra. Furmaatni waraanaa, goolama sodaa dhaloota kanaa qofa osoo hin taane, biyyattii hiyyeettii addunyaa kanaa taate kanaaf godaannisa dhalootaa uumee, biyyattii kanas gara diigamuutti ni geessa. Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n gama isaatiin, walitti buโiinsa Oromiyaa keessa jiru ilaalchisee Mootummaan kun tattaaffii qajeelloo wayita taasisu; akkasumas deeggartootni isaatis yaada furmaataa dhugaa karaa nagaa wayita kennan hin argine.
As irratti, ABOn Waliigaltee Asmaraa gaafa Hagayya 07/2018 ABO fi Mootummaa Itiyoophiyaa gidduutti taasifame akka milkaaโinaan hojii irra hin oolle, akkasumas Waraanni kun Oromiyaa keessatti akka itti fufu gochuu isaaniitiif Muummicha Ministeeraa Abiyyi Ahimad (PhD), Lammaa Magarsaa (Pirezidantii Oromiyaa Duraanii), Birhaanuu Juulaa (Fiildi Maarshaal) fi Warqinaa Gabayyii (PhD) itti gaafatamoo dha jedha.
Hawaasni Idil-addunyaas fixiinsi ummataa biraan Oromiyaa keessatti gaggeeffamuuf osoo jiruu, ammas akka waan hin argineetti callisuu isaaniitiin gadda guddaatu nutti dhagaโama. Qajeeltoon walitti buโiinsa karaa nagaan furuu kun uummata, naannolee ykn gareewwan gidduutti ija tokkoon ilaaluu qaba.
Akkuma Waadaawwanii fi Waliigalteewwan Idil-aadunyaa garagaraa, keessumaa kan Mootummoota Gamtoomanii irratti tumameen, Dhalli namaa hunduu, mirga lubbuun jiraachuu, nagaadhaan jireenya isaa gaggeeffachuu, akkasumas eegumsi biyyoolessaa fi idil-addunyaa taasifamuufii ni qaba. Mootummootni Gamtoomanii fi qaamolee biroon walitti buโiinsa Kaaba Itiyoophiyaa, Tigraay keessatti taasifame furuu keessatti gahee olโaanaa taphataniiru. Haaluma wal fakkaatuun wayita fixiinsi ummataa sun gara Kibba Itiyoophiyaa, Oromiyaatti gaggeeffamuttis itti gaafatamummaa addaa ni qabu.
Kanaafuu, Mootummoota Gamtooman, Mootummaa Rippaabilika Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa, Gamtaa Awrooppaa fi Gamtaa Afrikaa dabalatee; Hawaasni Idil-addunyaa dhangalaโuu dhiigaa fi buqqaโiinsa namoota nagaa kanneen akka dubartootaa, daaโimmanii fi maanguddootaa Oromiyaa keessaa akka dhaabsisan waamicha ni taasifna.
Injifannoo Ummata Balโaaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Amajjii 08, 2023.
Finfinnee