Lola injifachuu hin dandeenyetti MM Abiyyi Ahimed ilmaan hiyyeessaa ficcisiisuu itti fufee jira.
MM Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimed erga marii araaraa TPLF waliin taasisee booda humna waraanaa gama kaabaa turan guutummaatti gara Oromiyaatti bobbaasuun Oromiyaa goolaa qe’ee Oromoo gadda taasisaa ofii ilmaan isaa biyya alaatti barsiifataa jira.
Lolli Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru lola warra kaayyoof loluu fi warra garaaf jedhee isaan ergatu gidduutti yoo tahu injifannoon argamu garuu ilmaan haadha hiyyeessaa Abiyyi Ahimed gara lolaatti W30 dhabamsiisaa jedhee erge jumulaan yeroo ajjeefamanii fi hedduun isaanii immoo harka kennachuun mooraa W30 gabbisan argaa jirra.
Abiyyi Ahimed fi gorsitootni isaa W30 balleessuuf lola kaabaa TPLF waliin gaggeessan dura kan eegalan yoo tahellee humna W30 ittiin dhabamsiisan hin qaban.
W30 kan kaayyoof bahe malee kan garaa isaa guuttachuuf bahe akka hin taane qabsoo waggootan arfan darban keessatti gaggeeffamaa jiruun mooraan qabsoo Oromoo gabbachaa jiraachuun ragaadha.
Dargaggoon Oromoo jaallatee osoo hin taane dirqamee roorroo manatti isa dadaru jibba fedhii isaan miindaa bareedaa fi jireenya bareedaa osoo qabuu sadarkaa barnootaanis hanga Doktorummaaatti osoo qabuu roorroo daangaa darbiteef dhaloota itti guddisuu osoo hin taane ani baheen dhabamsiisuu qaba jechuun waamicha tokko malee fedhii isaan gara dirree galuun beeluu fi dheebuu dandahee kufee kuffiisaa kaayyoo galmaan gahuuf qabsootti kan jirudha.
Tibbana humni waraanaa PP Abiyyiin durfaman akkuma waggoota arfan darban gochaa turan caalaatti Oromiyaa dirree dhiigaa gochuun qe’ee haadha hiyyeessaa golgoleessaa ilmaan haadha hiyyeessaa abiddatti ergaa ofii galma taa’umsa isaa irra taa’ee kolfaa ilmaan isaa biyya ambaatti barsiifataa jira.
Lolli amma adeemamaa jiru lola warra kaayyoof bahee fi warra barcuma abbaa irree tiksuuf gidduutti adeemaa jiruun injifannoon argamaa jiru kan warra kaayyoof bahee qabsoo Oromoo ABOn durfamuuf galmaan gahuuf yoo tahu ilmaan haadha hiyyeessaa immoo humni waraanaa Abiyyi golgoleessaa isintu W30 deeggara jechuun yakka daangaa darbaa gaggeessaa jiraachuun argamaa jira.
Lolli amma gaggeeffamaa jiru Oromiyaa gooluu fi dirree dhiigaa gochuuf kan Abiyyiin karoorfatee ka’e malee lola W30 waliin taasisu yoomillee injifachuu akka hin dandeenye beekuun naman rakkisu.
Oromoo gandaa fi amanitin qoodanii ilmaan haadha hiyyeessaa ficcisiisuu yoo taheen ala Abiyyii fi fakkaattotni isaa kaayyoon W30 Oromiyaan nagana akka jiraattuu fi tasgabbii akka qabaattu ajjeechaa fi hidhaan akka Oromoo fi Oromiyaa irraa dhaabbatee ilmaan isheen of bulchitu tahuun ifaadha.