Rakkoo Oromiyaa keessaa irratti dhaabbatni OLLAA jedhamu ibsa bal’aa baase

Dhaabbanni OLLAA rakkoo Oromiyaa keessa tureef jjru irratti gabaasa balaa baase.

(SQ-Amajjii 14,2022)

Dhaabbanni OLLAA rakkoo Oromiyaa keessa tureef amma jiru Mootummaan nageenya uummataa akka eeguuf furmaata kan jedhe irratti gabaasa waggaa baasera Gabaasni fuula 33 qabu waa’ee sarbama mirgoota namoomaa, ajjeechaa lammiilee nagaa, ajjeechaa murtii malee, buqqaatii lammiilee, mancaatii qabeenyaa, murtee seeraa malee jumlaan nama hidhuu fi dhabamsiisuu naannoo Oromiyaa keessatti raawwate jedhe bal’inaan kan qoratedha.

Gabaasa waggaa dhabbanni OLLAA /Oromo Leadership Legacy & Advocacy Association /baase kana keessatti waa’en haleellaa sanyii irratti xiyyeeffate jedhee fi lola Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruus bal’inaan ibsameera.
Akka gabaasa kanaatti mootummaan Itoophiyaa, addumatti naannoo Oromiyaa keessatti itti-gaafatamummaa nageenya uummataa mirkaneessuu qabu bahachuu hin dandeenye.Bara darbe keessa godinaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti tarkaanfii humnootni nageenyaa mootummaa lammiilee nagaa irratti fudhataniin sarbamni mirgoota namoomaa guddaan raawwachuu gabaasichi ibsera .

Kana malees Xiyyeeffannoon Addunyaa kan Kaaba Itoophiyaa irraa malee kan Oromiyaa irra hin turre. Waggoota lamaan darban keessa waraanni Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa ture xiyyeeffannoo miidiyaa fi hawaasa idil-addunyaa argatee ture. Ija addunyaatti hedduu kan hin mulโ€™atiin garuu godinaalee Oromiyaa hedduu keessatti humnoota nageenya mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti lolli hanga ammaatti itti fufe gaggeeffamaa jira.

Gabaasni dhaabbatni OLLAA baase kunis Barri 2022 Oromoodhaf bara miixuu ture. xiyyeeffannoon Addunyaa baay’een walitti bu’iinsa Kaaba Itoophiyaatti mudate irratti kan ture ta’us guutummaa Oromiyaa keessatti sababa walitti bu’iinsa fi hongeetiin buqqaatii hedduu sarbama mirgoota namoomaa guddaatu lammiilee Oromoo irratti raawwate,jechuun haala Oromiyaa keessa ture ibseera.

Gabaasni dhaabbatni OLLAA qindeessuun baase kun waa’ee sarbama mirgoota namoomaa lammiilee nagaa Oromoo ta’an irratti raawwatu irratti daran xiyyeeffata.

Taatewwan ajjeechaa, hidhaa, hiraarsuu fi sarbama mirgoota namoomaa biroo gabaasicha keessatti tarreeffaman hedduu keessaa tokko gaafa Sadaasa 7, 2022 ajjeechaa obbolaan lamaan- Feenet Alamaayyofi Iyoob Alamaayyoo- irratti magaala Naqamteetti mana maatii isaanii keessatti raawwatedha. Waraanni Kaaba Itoophiyaa karaa nagaan xumuramuu hordofee mootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo loluuf humna bifa haaran Oromiyaatti bobbaaseen haleellan bifa haaran gaggeessaa jiruun lammiilen nagaan hedduun du’uu gabaasni kun ibseera.

Gama biroon ammoo “Waraana Bilisimmaa Oromoo (WBO) wajjin hidhata qabdu” maqaa jedhuun mootummaan haleellaa fi sarbama mirga namoomaa lammiilee Oromoo irratti akka raawwatu gabaasni OLLAA kun ni ibsa .Lammiilen Oromoo nagaan erga hidhamanii booda yeroo heddu sarbama mirgoota namoomaa hedduuf saaxilamu. Hiraarsuu ykn gidirsuu, murtii malee ajjeesuu, qabiinsa kabaja dhala namaaf hin malle, humnaan dhabamsiisuu, mirga murtee seeraa argachuu sarbuu, isaan irratti raawwata jedhera ibsichi.

Qondaaltonni Adda Bilisummaa Oromoo manni murtii bilisa isaan baasus bara 2020 irraa kaasee hanga ammaa mana hidhaatti hafuu isaanii gabaasni OLLAA akka fakkeenyatti eereraa.
Dhaabbatni OLLAA kun gabaasa isaa kanaan yaadota furmaata jedhe kan tarreesse keessatti mootummaan Itoophiyaa humnoonni nageenyaa ajjeechaa murteen alaa, hidhaa jumlaa, hiraarsaa fi mancaatii qabeenyaa raawwatan dhaabsisuu akka qabu waamicha dhiyeessera.

Kana malees dhaabbata mootummoota gamtoomanii dabalatee qaamoleen sarbama mirgoota namaa qoratan Oromiyaa seenanii badii raawwatame akka qoratan akka hayyamu, akkasumas sarbama mirgoota namoomaa raawwatan walabaan qoratee qaamolee yakkicha irratti hirmaatan seeratti akka dhiyeessu gaafateera.
Akkasumas, mootummaan Itoophiyaa akkuma ABUT wajjin nagaan fixate walitti bu’iinsa Oromiyaatifis furmaata nagaa akka barbaadu OLLAAn waamicha dhiyeessera.

Hawaasni idil-addunyaa ammoo sarbama mirgoota namoomaa saba Oromoo irratti gaggeeffamu ifatti akka balaaleffatan, mootummaan Itoophiyaa dirqama nageenya lammiilee eeguu qabu akka bahatuuf mirga namaa kabajuu, akkasums qorannoon walabaa akka gaggeeffamuuf akka hayyamu dhiibbaa akka godhan gaafateera.
Kana malees , mootummaan Itoophiyaa akkuma ABUT wajjjn nagaa buuse, Waraana Bilisummaa Oromoo wajjinis walii galtee waraana dhaabutti akka seenu hawaasi idil-addunyaa jajjabeessuu akka qabus dhaabbanni OLLAA kun dhaamera.

Lola qaamolee kanneen gidduutti gaggeeffamuu kanaan ajjeechan, buqqaatii fi mancaatii qabeenyaa lammiilee nagaa irratti raawwataa akka ture dhaabileen mirgoota dhala namaaf falman gabaasaa turaniru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *