Waraana Kaabaan wal-qabatee haqa cehuumsaa ‘amanamaafi dhugaaf nan hojjadha’jedhe komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa.
Waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffameen wal qabatee sarbama mirgoota namoomaafi yakkoota biroo kan ilaalu bulchiinsi haqa yeroo cehuumsaa “amanaafi iftoomina” kan qabu akka ta’uuf akka hojjatu, Daareektarri Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Dr. Daani’eel Baqqalaa.
Haqni yeroo cehuumsaa waliigaltee nagaa qaamoleen lamaan waliif mallatteessan irratti eerame waliin wal fakkaatu kanaan duras akka yaada furmaatatti kennanii turuu kan himan Dr. Daani’eel kun akka ta’uuf murtaa’uun isaa ammoo “tarkaanfii gaariidha” jedhan.
Sarbama mirgoota namoomaa yeroo waraana waggaa lamaaf gaggeeffametti raawwatame irratti qorannoo dabalataa akka hin gaggeessine himuun, haqa yeroo cehuumsaa gaggeeffamu kana keessatti Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa akka hirmaatus dubbataniiru.
Haata’u garuu qabiinsa mirgoota namoomaa erga waliigaltee Piritooriyaatin booda jiru ilaalchisee komishinichi qorannoo gaggeessuf akka jirus ibsaniiru.
“Sarbama mirgoota namoomaa waggoota lamaan darban raawwataman ilaalchisee garuu…sirna haqaa yeroo cehuumsaatu ilaaluu qaba,” jedhan.
Sirni haqaa bu’a qabeessa akka ta’uuf, komoshiniin isaan gaggeessan gahee isaa akka bahatu Dr. Daani’eel kan ibsan.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) waliin ta’uun bulchiinsi sirna haqaa yeroo cehuumsaa maal fakkaachuu akka qaburrati qorannoo gaggeessaa jiraachuu himuun, qorannichi naannolee irra naanna’uun irratti mari’atamaa akka jirus himan.
Qorannicha irratti hundaa’un sirna haqaa yeroo cehuumsaa Itoophiyaaf mijataa ta’e yaada akka dhiyeessanis himan.
Yaadni dhiyaatu hojiirra akka ooluf deeggarsa ogummaafi tekinikaa Komishiniin Mirgoota Namoomaa akka kennu fi yeroo hojiirra oolus sirnaan hojiirra akka ooluufi qorannoofi hordofii mirgoota namoomaa akka taasisu dubbatu Dr. Daani’eel.
Biyyoonni yeroo waraana ykn raafama siyaasaa keessaa bahanii gara nagaatti deebi’an, yakkoota sarbama mirgoota namoomaa raawwataman akkamitti ilaalamuu qabu? Kan jedhuf gaaffii yeroo hundumaa ka’u akka ta’e ibsu Dr. Daani’eel.
Yakkoonniifi rakkoolen kunneen hedduufi wal-xaxoo ta’uu isaanii irraa kan ka’e sirna haqaa idilee fayyadamuun ilaalun rakkisaadha.
Kanaaf rakkoolee akkasii furuuf sirni haqaa yeroo cehuumsaa barbaachisaa akka ta’e kaasu.
Sirni haqaa kaayyowwan bu’uuraa ijoo afur qabu.
Inni jalqabaa dhukaa barbaadufi argachuudha. Yeroo walitti bu’iinsaa “dhugaa guutuu” ta’e beekun rakkisaa waan ta’eef eessatti maaltu raawwate jedhanii adda baasuufi mirkaneeffachuun hojii ijoo akka ta’e ibsu.
Namoota miidhaman deebisanii dhaabun kaayyoo lammaffaa yoo ta’u, yakkoota sarbama mirgoota namoomaa raawwataniif itti gaafatamummaa mirkaneessun ammoo kaayyoo sadaffaadha.
Afraffaan ammoo biyyattiin rakkoo wal-fakkaataa keessa deebitee akka hin seenneef jijjiiramaafi sirreeffamni akkamii akka barbaachisu qorachuudha.
Kun ammoo yeroo baay’ee heera, seera ykn jijjiirama dambii gochuudhaan rakkinicha bu’uura irraa itti fufiinsan furuu akka ta’e himu.
Itoophiyaatti sirni haqaa akkanaa akka diriiruf waliigaltee Piritooriyaa keessatti akka hammatamu godhamuu isaa Dr. Daani’el ni ajaa’ibsiifatu.
“Amma akka hojiitti hiikamu kan barbaannu akkaataa yaada nuti kennineen bifa sadarkaa idil-addunyaa eeggateen bulchiinsi haqa yeroo cehuumsaa dhugaan, kan loogii irraa bilisaa akka hundaa’u fi hojiirra ooludha,” jedhan.
Biyyoota heddu keessatti hojii kana kan raawwatu qaama of danda’ee hundaa’e yoo ta’u, biyyoota muraasa keessatti ammoo qaamota dhaabbilee jiran keessaa walitti bababahaniin hojiirra ni oolfama.
Akka komishinarichi jedhanitti, waraanni Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffame sirni haqaa kun akka hundaa’uf sababa ta’us, kutaalee biyyattii biroo keessattis hojiirra ooluu akka qabu dhaamu.
Sirni haqaa akkanaa hojiirra osoo hin oolin turuu isaarraa kan ka’e “yeroo heddu walitti bu’iinsi uumamee sarbamni mirgoota namoomaa baay’ee guddaa ta’e argina,” jechuun dubbatu.Kana sababa godhachuun hojiin sirna haqaa yeroo cehuumsaa hundeessuu sadarkaa biyyaalessaatti ta’uu qaba jedhu.
Waggoota lamaan darban keessatti Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa waraanni akka dhaabatuuf watwaataa akka turee walii galtee nagaa taasifame keessattis gahee mataa isaa bahataa turuufi kanaa olis hojjachuun akka irraa eegamu ibsan Dr. Daani’eel Baqqalee
Waraana Kaabaan wal-qabatee haqa cehuumsaa ‘amanamaafi dhugaaf nan hojjadha’jedhe komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa
