Godina Addaa Saba Oromoo Walloo Aanaa Jillee Dhummuuggaatti waltajjiin gaggeeffame murtee malee xumurame.
Guraandhala 6/2023
Lola tibbana Oromiyaa kaabaa godina addaa saba Oromoo walloo keessatti mudateen wal qabatee nageenya naannichaa akkamiin eegganna kan jedhu irratti hawaasa naannichaa waliin guyyaa har’aa guraandhala 6/2023 Godina Addaa Saba Oromoo Walloo Aanaa Jiillee Dhummuugaa Magaalaa Sanbateetti qaama hunda hirmaachisuun taa’aame Walii galtee tokko malee addaan bahamee Jiraachuu maddeen naannichaa nuuf himan.
Qaamni Wal gahii Kana Irratti hirmaate Ajajoota Komaandi Post, Ajajoota Liyuu Hayilii Amaaraa, bakka buutota qaama Mootummaa Federaalaa Irraa dhufee, gaggeessitoota godinaa fi Aanaa akkasumas hawaasa Keessaa Manguddootaa fi Abbootii Amaantaa Yoo hirmaatan mariin gaggeeffame Walii galtee tokko malee kan xumurame yoo tahu waltajjii marii nageenyaa kana irratti quba walitti qabuu fi walitti haqaaquun wal gaaraffannaan xumuramuu hirmaattotni waltajjichaa nuuf himaniiru.