Sirni adeemsa walharkaa fuudhinsa Baallii Abbaa Gadaa Odaa bultum gaggeeffamee

 

 Sirni adeemsa walharkaa fuudhinsa Baallii Abbaa Gadaa Ituu Odaa Bultumtti sirnoota garagaraan gaggeeffamee.

Bitootessa 9/2023

Akka Waajjira Kominikeeshinii Godina Harargee Lixaa Bitootessa 09 /2023 gabaasetti  sirni saaqinsaa kunis eebba Abbootii Gadaafi Manguddoo akkasumas haasaa hoggantoota mootummaa taasisaniin kan eegalamedha.

Mallattoo sirna dimokraasii haqaa tahuun kan leellifamu Sirni Gadaa waggaa saddeet saddeetiin baallii abbaa dabareef dabarsa. Tuutni Gadaa Sabbaaqaa kan Sirna Gadaa Ituu tuuta Gadaa Dhiphisaatiif Baallii dabarsee kennuuf sirnichi eegaluu isaa Abbaan Gadaa Shaamil Ahimadoo himan.

Sirni Gadaan sirna bulchiinsa siyaasaa dinagdeeniifi hawaasummaan ummata Oromoo ittiin murteeffamu, kan ummanni mirgaafi dirqama isaa beekee ittiin walii galuufi tokkummaan ittiin waliin jiraatudhas jedhaniiru.

Sirnicharratti Bulchaan Aanaa Odaa Bultum Obbo Haamid Ibraahim, akka jedhanitti, Sirni Gadaa bu’uura sirna dimokraasii ammayyaa, duudhaa ittiin bulmaataa akkasumas bu’uura seenaafi eenyummaa Oromooti jedhan.

Milka’insa sagantichaaf qaamolee tumsa taasisaa turan galateeffataniiru.

Sirnuma kanarratti Itti gaafatamaan Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Harargee Lixaa Obbo Saanii Rashiid, akka jedhanitti, sirni Gadaan qabeenya Oromoo qofa osoo hintaane kan biyyaa, Afrikaafi Addunyaatis, kanaaf kunuunsiinee dhalootaaf dabarsuuf hundi keenyaa gahee nurraa egamuu bahaachuu qabna jedhan.

Sirni jilannaan kunis har’aarraa jalqabee guyyoota itti aanaan 12’f Ardaa jilaa Gadaa Odaa Bultum jalatti sirnoota garagaraatiin itti fufinsaan kabajama

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *