Qabsaaftuu seenaa dhiigaan barreessiitee ilmaan ishees qabsoo Oromoof gumaachite Aadde Dirribee Irgaa du’aan boqotan.

Qabsaaftuu seenaa dhiigaan barreessiitee ilmaan ishees qabsoo Oromoof gumaachite Aadde Dirribee Irgaa du’aan boqotan.

Qabsaawaan/ftuun seenaa isaaniitu dhalootaa dhalootatti darbaa jiraata.

Haadha goototaa, haadha Qeerroo fi Qarree qabsooftuu haqaa kan yoom illee seenaan isaan hin daganne Aadde Dorrobee Irgaa du’aan Addunyaa kana irraa yeroo boqochuu isaanii dhaga’eel gadda guddaa onnee nama madeessuutu natti dhagaa’ame.

Aadde Dirribee Irgaa qabsoo keessatti kan isaanii gumaachan nama miti dacheen Amboo dhalootni qubee ragaadha.

Gootittin Oromoo Jaal #Dirribee_Irgaa umurii isaanii guutuu jiraatan hundaa saba Oromoo rorroofi gadadoo garbummaa keessaa baasuuf ilmaan ishee utuu hin hambisiin qabsoof hiriirsite qabsichaafis gumaachitee jirti.

Yeroo seenaa qabsoo dachee Amboo keessatti yaadatamu Gootittii Oromoo Jaal Dirribee Irgaa dahoo fi gaaddisa Qeerroo dargaggoota Oromoo duuba akka jirtu qabsaawota ishee beekantu ragaa baha.

Bara 2005 filannoo irratti Paartii Mormituu Professor Mararaa Guddinaan Hoogganamu Kongireensii Biyyoolessaa Oromiyaa bakka bu’uun Aanaa Jaldurraatti paarlaamaaf dorgomtee Sagalee guutuudhaan Filatamtee Miseensa Paartii Mormituu Filannoo Mootummaa injifate ta’uun Paarlamaa namoota seenan keessaa isaan tokko turan.

Bara namni miseensi ABO mana hidhaa dhaqee gaafachuu sodaatu sana qondaalotaa W3O, Dabballoota ABO nama kaan mitii maatiin dhaqee gaafachuu hin dandeenyee namni sinqii nyaata itti baatan qabatee galgalaa ganama bakka hidhamtootni itti hidhamanii jiran hunda deemanii gaafataa tura Jaal Dirribee Irgaa goota Seenaati.

Akka seenaan ibsuttis tahe gootittiin kun Ilmaan Ishee Lamaan jaal Boontuu Shuggii fi Jaal Iftuu Shuggii Kallattiin qabsoo hidhannootti makamani W30O urjii lolaa ta’uun saba isaaniif falmaa hadhawaa gaggeessaanii gahee isaanii bahatanis gumaachiteetti.

Ilmaan Qabsooftuu Aadde Dirribee Irgaa Jaal jaal Iftuu Shuggii fi ilma isaanii hangafaa jaal Dajanee Shuggii jedhamanis qabsoof kan gumaachite qabsoo keessaatti kufanii seenaa dhiigaan barreessaniiru.
Bara S .ochii Warraaqsa Fincila Diddaa Garbummaafi Mormii Master Plan Finfinnee itti qabsiifame bara 2014 Magaalaa Ambootti kan wareegame ilmi isaanii haagafaa intalli isaanii durbee Iftuun immoo baatii sadii dura akka warergamte galmeen seenaa ni mul’isa.

Mucaan ishee Fayisee Shuggii jedhamtu immoo yeroo ammayyuu mana hidhaa keessatti hidhamtee jirti.

Haati qabsoo fi qabsaawota jaal Dirribee Irgaa hiree rabbii tahee du’aan Addunyaa kana irraa boqotanis seenaan isaanii fi ilmaan isaanii bara baraan dhiigaan barreeffamee jiraata.

Waaqayyo lubbuu keessan haa qananiisu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *