๐๐ฎ๐ฆ๐๐๐๐ก๐ข ๐๐๐๐๐ ๐๐ข๐ซ๐ซ๐ข๐๐๐ ๐๐ซ๐ ๐๐ ๐๐๐๐ฌ๐จ๐จ ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐ ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐ค๐๐๐ฌ๐ฌ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐ค๐๐ง๐ง๐๐ง ๐ฒ๐จ๐จ๐ฆ๐ฎ๐ฎ ๐ฃ๐ข๐ซ๐๐๐ญ๐๐ ๐๐ข ๐ค๐๐ง ๐ฒ๐๐๐๐๐ญ๐๐ฆ๐ฎ๐ฎ ๐๐ก๐.
Ijoo Dubbii ABO โ Bitootessa 18,2023
Qabsooftuu jabduu fi murattuu Aadde Dirribee Irgaa duโaan boqotuu isaanii wayta dhageenye gaddi nutti dhagaโame guddaa dha.
Aadde Dirribeen hanga lubbuun isaanii darbitutti qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti murannoo fi gootummaa jabaadhaan qooda isaanii waan isaaniif dandaโame gumaachaa turan. Akkuma dubartootni Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti hanga wareegama lubbuutti hiriiranii aarsaa olaanaa kafalaa turan, isaanis jabinaa fi cichoominaan dhaabbatanii aarsaa garagaraa baasuudhaan dubartoota Oromoof fakkii taโanii darbaniiru.
Jireenya isaanii guutuu cunqursaa fi roorroo saba Oromoo irra gahutti xumura gochuuf fuula irra turaniin ifaajjaniiru. Murannoo, cichoominaa fi sab-boonummaa qabanitti diinni aaruudhaan hidhee hidhaa keessatti gidirsus ejjennaa isaanii irraa duuba isaan hin deebisne.
Qabsooftuu sab-boontuu Aadde Dirribee Irgaa ofii isaaniif Mirgaa fi Bilisummaa Oromoof falmuu qofa osoo hin taane, dhala isaaniis qabsoo kanaaf aarsaa godhaniiru. Seenaan qabsoo bilisummaa Oromoos bara baraan isaan yaadata.
Addi Bilisummaa Oromoo duโaan boqotuu Aadde Dirribee Irgaatti gadda itti dhagaโame irra deebiin ibsaa, maatii fi firoota isaaniif jajjabina hawwa.
Qabsaโaan Ni Kufa, Qabsoon Itti Fufa!
Injifannoo Ummata Balโaaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Bitootessa 18,2023
Boqochuu Jaal Dirribee Irgaa Ilaalchisee gadda ABO
