Raayyaan Ittisa Biyyaa Shaggar Kaabaatti namoota nagaa jumulaan ajjeese booda awwaalcha dhorke.
Caamsaa 10/2023
Gocha ajjeechaa sukuneessaa RIB raawwateera jedhanii jiraattootni Godina Kaaba Shaggar Ona Sulultaa Magaala Darbaa nuuf himaniin Waraanni Mootummaa Kaampii yeroo kan Warshaa Abaaboo keessatti hundeeffatan namoota gandoota Onichaa keessaa maqaa WBO deeggartu fi nyaachiftu jedhuun erga ukkaamsanii booda ajjeesanii bakkeetti gataa jiraachuu nuuf himaniiru.
Akka maddeen naannichaa nuuf himanitti Halkan edaa jechuun Caamsa 9/2023 namoota lama kan hanga ammaatti eenyummaan adda hin ba’in Magaala Darbaa iddoo addaa Tsabala Mikayilaa jedhamutti ajjeesanii gataniiru.
Reeffi gatame kun akka awwaallamuuf Uummanni naannichaa gaafatus Waraanni naannoo qubsiifame dhorkee jira.