Guyyaan gootota Oromoo kan bara 2023 jaarmiyaa ABO biyya alaatti kutaa Kanaadaa,konyaa Gadaa bilisummaa Oromoo magaalaa Edmentenitti haala ho’aadhaan kabajamee oole.

Guyyaan gootota Oromoo kan bara 2023 jaarmiyaa ABO biyya alaatti kutaa Kanaadaa,konyaa Gadaa bilisummaa Oromoo magaalaa Edmentenitti haala ho’aadhaan kabajamee oole.

Guyyaan gootota Oromoo waggoota kurnan afur dura jaarmiyaa ABO dhaan ayyana guddaa yaadatamee olu ta’ee erga murtaa’ee kaasee haala garaagraan kabajamaa yoona ga’eera. Keessattuu baroota 1980 kaasee hanga jalqaba 1990 tti WBO, Miseensota ABO dhaaf deggertootaan kan kabajamaa ture. Haa ta’u malee bara 1990 walakeessa irraa kaasee ummatni Oromoo ayyana kana akka ayyana ummata Oromoo bal’aatti fudhatuun kabajaa jira. Bara kanas Jaarmiyaan ABO biyya alaa deggertootaa fi hawaasa Oromoo waliin konyaa konyaan kabajataa jira. Bu’uuruma Kanaan konyaa Gadaa bilisummaa Oromoo ayyana kana hawaasa Oromoo magaalaa Edmenten jiru waliin Caamsaa 13 bara 2023 kabajatee jira. Guyyaa yaadannoo gootota Oromoo kana irrattis qondaaltoonni ABO, geggessitoonni waldaa hawaasaa,abbootiin amantaa fi qaamotni garaagaraa hawaasa Oromoo ta’an argamuun qooda fudhatanii jiru. Guyyaa kana keessummaa kabajaa ta’uun kan haala guyyaa kanaa hawaasa argameef ibsa kennan jaal Shaamil Aliyyii Miseensa Gumii sabaa ABO fi Qabsaa’aa gameessa qondaala ABO kan ta’an jaal Araarsoo Abbaa Humnaa turan. Kessummoonni kabajaa kunis guyyaa goototaa kana yaadachuun waan barbaachiseef kaayyoo gootonni nOromoo wareegaman galmaan ga’uuf yeroo haalli waan nugaafatu itti gumaachinu ta’uu dhaaman. Keessattu yeroo ammaa haala qabatamaa qabsoon bilisummaa Oromoo irra jiru haala qaxxamuraa kana irratti irbuu goototaa yadatuun murteessadhaa jedhan. ABOn akkeeka siyaasa gaaffii Oromoo deebisuu qabatee qabsoo geggessaa harran ga’e keessatti wareegama heedduu kaffalee jira,wareegamni kaffalame kunis firii isaa akka agarsiisuuf hunduu ga’ee nurraa eergamu ba’achuu akka qabnus heeraniiru. Guyyaa kana kana argaman qaamoota hawaasaa keessaa tokko kan ta’ee waldaan hawaasa Oromoo guddichi gamtaan hawaasa Oromoo Albeertaa kaabaas karaa baakka bu’aa isaa jaal Darajjee Galataatan dhaamsa dabarfataniiru. Jaal Darajjeen konyaa qophii kana qopheessee galateeffachuun ayyani kun ayyana akka Oromootti kabajuu qabnu ta’uu heeruun akka Oromootti wareegama kaffalamee galmaan ga’uuf ijaarsa waldaa hawaasaa fi jaarmiyaalee waltumsuu akka qabuu ibsuun guyyaa kana gara fuula duraatti konyaa ABO fi haawasni waloon bifa qindaa’aa ta’ee akka qopheessan hubachiisuun dhaamsa waldaa hawaasaa dabarfatan.
Yadannoo guyyaa goototaa kana irratti kan argaman qaamooleen hawaasa haala yeroo irratti yaada fi gaaffii dhiyeeffatuun qooda fudhataniiru. Yaada ijaaraa hawaasa irraa ka’aa ture keessatti keessayyu hoggontonni Oromoo qondaaltonni ABO mana hidhaa jiran haal duree malee akka hiikman dhiibbaan godhamaa jiru xiqqaa waan ta’eef cimuu akka qabu akkasumas araara deema jiru keessatti akka haal dureetti ka’uu akka qabu yaada kennataniiru. Gama biraanis hirmaanna hawaasaa fi sochii jaarmiyaa ABO sadarkaa konyaatti jiru ilaalchisee gaaffii kaa’aniif qondaaltonni kutaa deebii ga’aa kennan. Hirmaatonnis ABOn akka jaarmiyaa hutubaa qabsoo Oromootti hojii mul’ataa godgaa jiru cimsee akka itti fufuu dhammachuun yaada kennatan turan. Hawwan guyyaa kana qooda fudhatan keessa Haati warraa Jaal Araarsoo Abbaa humnaa goota lubbuun jiru keessa tokko abbaa manaa koo dha waan keessa dabarsee qajeelcheen beeka jechuun kennaa suuraa Jaal Araarsoo Abbaa humnaa , qondaaltota ABO mana hidhaa jiranii fi Hayyuu duree ABO jaal Daawud Ibsaa haftee qabsaa’otaa qabuu badheestee jirti. Jaal Araarsoo Abbaa Humnaas kennaa kana konyaaf dabarsanii kennuun konyaa Gadaa bilisummaa Oromoo caal baasitti dhiyeessun galii argamee akka jaarmiyaadhaaf oolu taasisan. Caal baasi kanas suuraa seena qabeessa kana namaaf dabarsinee hin kenninu jechuun waldaan hawaasa Oromoo Albertaa Kaabaa qarshii $ 2000.00 mo’achuun fudhatan.Bakka bu’aan waldaa hawaasa Oromoo Albeertaa Kaabaa ta’uun kan caalbaasii kana dura taa’aa konyaa gadaa bilisummaa irraa fudhatan dura taa’aan boordii waldaa hawaasa Oromoo Albeertaa Kaabaa Obboo Zaakir Abbaa Maccaa haasaa taasisaniin guyyaan kun kaleessa gootonni Oromoo wareegama kaffaluun akka harra geenyuu itti taasisan tokkummaa isaan eeggachuun akka ta’ee hubachiisuun Oromoon tokkummaa isaa cimsatee haala amma jiru keessaa ba’uu qaba jedhan. Miseensonni qophii kana qopheessanis galateeffamuu qabu jechuun waan Oromoon dhabee walumaan akka Oromootti falmachuu nu feesisas jedhan. Keessattu dhimmi hidhamtoota Qondaaltota Oromoo kun guddoo yaaddessaa dha Oromoon xiyyeeffannoo itti kennuun dhiibba barbaachisu gochuutu irraa eegama jedhanii dhaamsa dhama qabu dabarfatan. Hawwaan Oromoo magaalaa Edmentenitti argaman nyaata aadaa qopheessan cal baasiitti dhiyaatuun galiin argamesi akka jaarmiyaa dhaaf oolu dhaammatan. Dhuma irratti dura taa’aa konyaa Gadaa bilisummaa Oromoo kan ta’an Jaal Abdiisaa Jafee hawaasa qooda fudhatan galateeffachuun guyyaan yaadannoo gootota Oromoo kun goolabameera.

Gabaasaa suur sagalee guutuu ammo qophii addaa keenya SBO irratti kan dhiyeessinu ta’a.
Kan Gabaase Raajii Guddataa,Edmenteen irraa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *