Ameerikaan deeggarsi midhaan nyaataa Itoophiyaaf kennitu ”gara darbaa jira” jechuun adda kutte
June 8, 2023
Mootummaan Ameerikaa deeggarsa midhaan nyaataa Itoophiyaaf kennaa ture adda kutuu beeksise.
Mootummaan Ameerikaa deeggarsi nyaataa kennamaa ture osoo uummata ergameef bira hin gahiin gara darbaa akka ture qorannoon bira gahamuu hordoftee akka gargaarsicha dhaabe hime.
Torban darbes Dhaabbanni deeggarsaa Ameerikaa USAID fi Sagantaan Nyaata Addunyaa deeggarsi ergamu gurguramaa jira jechuun deeggarsa naannoo Tigiraayiif kennan akka dhaaban ibsaniiru.
Rooyitarsi ibsa USAID wabeeffachuun akka gabaasetti deeggarsi ergamaa ture ”garee humna waraanaa biyyattii keessaan’’ gara darbaa ture.
Deeggarsi nyaataa tumsa qaamolee kaaniin argame gara dabarsuun ”yakkaa fi qindoomina’’ qaamolee mootummaa federaalaa fi naannoolee Itoophiyaan kan raawwatamedha jedhe USAID.
”Hamma haaromsi dhufutti rabsaa deeggarsa namoomaa goonu itti fufuu hin dandeenyu,’’ jechuu Waashingitan Post ejeensicha wabeeffachuun barreesse.
Naannoon Tigiraay waraana waliinii wagga lamaan erga miidhamee miliyoonaan kan lakkaa’aman deeggarsa midhaan nyaataan jiraatu.
Dabalataan walitti bu’insi naannoolee kaan keessaa fi goginsi hamaan uumame Itoophiyaa keessaa lammiileen miliyoona 20 tahan deeggarsa midhaan nyaataa akka eeggatan isaan taasiseera.
Mootummaan Itoophiyaa deeggarsa midhaan nyaataa karaa USAID dhiyaatu gara dabarsuu irratti mootummaa Ameerikaa waliin wal tumsuun qorannoo gaggeessuu fi qaamolee gochicha raawwatan itti gaafatamaa gochuuf akka hojjetu himameera.
Ministeerri Dhimma Alaa US, akka jedhetti, Ministirri Dhimma Alaa US, Antoonii Biliinkenii fi gitni isaanii Itoophiyaa, Dammaqaa Mokonnin, Riyaaditti wal arguun qorannicha irratti wal tumsuuf waliigalaniiru.
Ministiroonni lameen kabaja mirga namoomaa Lixa Tigiraay, haqa yeroo ce’umsaa hunda hirmaachisee fi iftoomina qabu gaggeesuu fi rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessaa furuu irrattis waliin mari’achuu, Ministerri Dhimma Alaa US himeera.
Itoophiyaa keessaatti sababa walitti bu’insaa fi goginsa waggootaaf walitti aansee mudateen naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Affaarii fi Tigiraay deeggarsa kan barbaadan hedduudha
Amerikaan gargaarsa Midhaanii Itiyoopiyaaf gootu adda kutte.
