Mana Amantaa Ortodoksii Shaggar lixaa Ginciitti Hokkorri amantaa uumame.

Shaggar lixaa Ginciittiย  Mana Kiristaanaa Giincii Mikaa’eelitti Hokkorri ka’e.

 

Waxabajji 12/2023

Muudama abbootii amantaa Ortodoksii Oromiyaan wal qabatee hokkorri irra deebiin bakkoota adda addaatti mudataa kan jiru yoo tahu Dhaggar lixaa Mana amantaa Ortodoksii Gincii Mikaelitti guyyaa kaleessaa Waxabajji 11/2023 hokkorri uumamee jira.

Mana amantaa Ortodoksii Gincii Mikaelitti Kanaan dura akkuma beekamu Bulchiinsa irra kan tura “Megaabii Senay Luba Gaashaa” kan jedhaman Qajeelfama Abbaa Naatinaa’eeliitiin bakka sanaa kaafamaniiru. Qajeelfama Abbaa Naatinaa’eeliitiin Bulchaan haaraan dhufe immoo “Melake Tsehaay abbaa Welde Gabreel” kan jedhamanidha.
Kanaaf Qeerroo fi Qarreen Quuqama mana Amantaaf qaban ‘O2’n magaalichaa Beeksisa Muudama haaraa sana irratti gaaffii Waltajjii Dilbataa irratti kaasaniin, Geggeessitoota Waltajjii sanaa kan ta’an, Murna Abbaa Naatinaa’eeliin Yaadi isaanii ukkaamfamuuf waan ka’eef Okkorri ka’ee ture,
Kanaafis qaamni Mootummaa keessa seenuun tasgabbeessaniiru.

Yaadi Hordoftoota mana Amantichaa O2 Giincii Abbaa Naatinaa’eliin hin barbaannu, kan jedhu yemmuu ta’u, Qajeelfama Abbaa Naatinaa’eliin Sirni Muudamaa geggeeffamuu hin qabu kan jedhudha.
‘O2’n Magalaa Giincii Gabrummaaf tole hin jennu jechuun mormii kaasaniin hokkorri ka’e.

Madda: Obsinan Kitesa Yadeta

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *