๐๐๐ซ๐๐๐ง๐ ๐๐ข๐ง ๐๐ฎ๐ฆ๐ฎ๐ซ๐๐ฆ๐ง๐ ๐๐ฎ๐ฆ๐ฎ๐ซ๐ ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐จ๐จ๐ง๐๐๐ง ๐๐ฆ๐ฆ๐๐ญ๐ ๐๐๐ ๐๐ก๐๐ ๐๐๐ซ๐๐ฃ๐๐๐๐๐ง๐ฒ๐๐๐ง ๐๐๐๐ ๐๐ซ๐ซ๐๐ ๐ ๐ข๐ฑ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐๐ก๐๐๐๐๐๐๐ก๐ฎ๐ฎ ๐๐๐๐!
๐๐ฃ๐จ๐จ ๐๐ฎ๐๐๐ข๐ข ๐๐๐ – ๐๐๐ ๐๐ฒ๐ฒ๐ ๐๐, ๐๐๐๐
Duulli tarsiimawaan dhabbataan (strategical war) mootummaan biltsiginnaa ajandaa siyaasaaf jecha dhimma itti bahuun ummata Oromoo lafa irraa fixaa jiru Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n gadi jabeessee balaaleffata; duras dhaabbata.
- Paartiin Biltsiginnaa aangoo siyaasaa humnaan dhuunfatetti dhimma bahee karaa nagahaan rakkoo dhalche furuu hanqannaan, lola xumuruu hin dandeenyetti seeneen, waggoota shanan kana guutuu maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) balโeessuu jedhuun akkuma ifatti dhaadatan, โQurxummii balโeesuuf madda bishaanii gogsuu dhaโ jedhan, Ummata Oromoo waraana irraa jalaan irratti bananiin lubbuu qulqullootaa hedduu galaafataniiru. Ammas ummata nagahaa itti gaafatamummaa hanqachuun if qusannaa tokko malee fixaa jiru.
Ajjeechaa jumlaa fi suukaneessaa guutummaa goleelee Oromiyaa sadarkaa jedhamuun keessaayuu, naannolee Waraanni Bilisummaa Oromoo keessa sochoโu Lixa Oromiyaa Wallaggaa, Giddu Gala Oromiyaa Shawaa Lixaa, Shawaa Bahaa, kanaan alas Kaaba Oromiyaa Wallo, ajjeechaa jumlaa Abbootii Gadaa Karrayyuu dabalatee mattayyattis tahee jumlaan manneen hidhaa keessaa baasuun ajjeechaa Oromoo irratti raawwatamaa ture Addi Bilisummaa Oromoo yeroodhaa yerootti balaaleffataa tureera; Ammas qaamni ani Oromoodha ofiin jedhaa ummata Oromoo ajandaa siyaasaaf dhimma itti bahuuf lubbuu isaaanii akka baalaatti harcaasu gadi jabeessee balaaleffata.
โLaafaa reebi jennaan jaartiin tiruu reebdeโ akkuma jedhan, gareen paartii Biltsiginnaa shiftaa finxaaleyyii Faannoo duratti Oromoo ittiin cabsuuf ijaaran harโa babalโifannaa lafa Oromiyaa fi saamicha qeโee fi qabeenya Oromoof bobbaโe of irraa deebisuun hanqannaan, ummata nagahaa qeโee fi qabeenyaa isaa irra jiraatu mana isaatti jumlaan ajjeesaa jiran. Gochi kun itti gaafatamummaa hanqachuu fi miira namummaa dhabuu dha.
Addi Bilisummaa Oromoo odeessa qulqulluu argateen mootummaan paartii Biltsiginnaa maqaa sakattaa WBO jedhuun duula tarsiimawaa ifatti ummata Oromoo irratti akka haaraatti baneen, Giddu gala Oromiyaa Lixa Shaggar Onoota Amboo, Daannoo, Iluu Galaan, Liiban Jaawwii, Midaa Qanyii, Ilfata, Cobii fi Gindabaratitti walduraa duubaan Hagayya, 7, 8, 10 fi 11, 2023 yakka namoomaa suukanneessaa hidhaa jumlaa, reebicha, saamicha qabeenyaa fi ajjeechaa jumlaa ummata nagahaa irratti akka raawwate mirkaneeffatee jira.
Akka kanaan, waraanni PP Hagayya 07, 2023 Ona Calliyaa magaalaa Geedoo fi Ona Liiban Jaawwii magaala Baabbichaa fi Ganda Haroo Maaramiitti Obbo Guddisaa Nagawoo fi maatii isaa daaโima jiโa 6 dabalatee, jiraattota ganda sanaa namoota 30 ol taโan hidhuun qabeenyaa isaaniis lukkuu irraa qabee hanga horii gaanfaatti osoo hin hafin irraa saamaniiru.
Waraanni sirna mootummaa PP namummaan itti hin dhagaโamne kun, jaarsa biyyaa manguddoo hoodaa fi safuu ganna 60 olii Obbo Guddisaa Nagawoo Hagayya 08, 2023 mana hidhaa magaala Baabbichaa bakka maatii isaanii waliin hidhamanii baasanii rasaasa itti roobsuun ajjeesan.
Waraanni abbaa irree kun ilmaan Oromoo 20 ol tahan Obbo Guddisaa Nagawoo biraa baasee ajjeese Oromummaa isaniin yakkee hidhaa keessatti reebichaa fi miidhaa adda addaan gidirsaa jira. Haadha warraa Obboo Guddisaa Nagawoo Aadde Warqii Taaruu Warquu, Haadha warraa isaanii ishee lammaffaa Aadde Warqiyyee Kitaaba, Aaddee Daraartuu Tarreessaa mucaa ishee jiโa 6 kan taโe Bilisummaa Dabalaa Guddisaa, Qarree Hawwii Guddisaa Nagawoo, Qeerroo Beeksisaa Guddisaa Nagawoo reebicha ulfaataa irra gaโe irraa duโaa fi jireenya gidduu kan jiru, Qeerroo Hoomaa Likkumaa reebicha hamaa mooraa waraanaatti irra gaโeen duโaa fi jirenya gidduu kan jiru, Qeerroo Eebbaa Tasfaaye, maanguddoo ganna 70 Obbo Biqilaa Tufaa, Obbo Camadaa Irreessoo, Hirphaa Waaq gaarii fi haadha warraa isaa Warqishee Amansiisaa, Qeerroo Abdoo Moosisaa, Qeerroo Dassee Shugguxii, Qeerroo Kafanaa Kabbadaa, Qeerroo Caalchisaa Taaddasaa, Qeerroo Geetuu Taammiruu, Qeerroo Bushunaa Taammiruu, Obbo Geetuu Dandanaa fi Obbo Bayyanaa Tarreessaa kanneen jedhaman keessatti argamu. Lukkeeleen diinaa, garaaf jedhanii ummata keenya irra akka badii fi balleessaan dhaqqabuuf ulee diinaa tahan kanneen akka, Gammachuu ykn Mootummaa Qajeelaa, Abbaa Garshii fi Eebbisaa Takkuu kan jedhaman warra hidhaa keessatti akkaam miidhamaa jiran keessatti argamu.
Hagayya 07, 2023 Ona Midaa Qanyii ganda Boquu Nissootti namoota 4 maqaan isaanii ammaaf ifa hin taโin ukkaamsuun akka fudhataniiru. Hagayya 08, 2023 Ona Daannoo ganda Baddaa Iluu fi Ona Iluu Galaan ganda Habakuu Aannootii loon ummataa saamaniiru. Bifuma walfakkaatuun Ona Liiban Jaawwii Ganda Gaamoo Walisoottis horii gaafaa 9 maatii Obbo Dirribaa Jimaa jalaa fudhatan. Ona Iluu galaan ganda Habakuu Aannootii Obbo Abduu Mohaammadii fi ganda Siree Sillaaseetii Obbo Biraanuu nama jedhaman hidhaniiru. Hagayya 08, 2023 Ona Amboo ganda Ganjii Gooro Horee bakka addaa Shaamba jedhamuu qonnaan bultoota nama 7 kan yeroof maqaan isaanii adda hin baโin ukkaamsanii deemaniiru. Ona Ilfataa ganda Jimaa Korpheessaatiis namoota 4 fuudhanii magaalaa Ona Ilfataatti akka hidhan ragaa ummata irraa argameen mirkanaaโeera.
Ilmaan Oromoo Hagayya 08 fi 10, 2023 Ona Cobii gandeen Oofuu Bakkee fi Qoricha Kotichaa irraa qabaman keessaa 11 rasaasa itti roobsuun ganda Bakkee Hoofuu iddoo addaa Shimalatti yoo ajjeesan, kanneen 5 taโan ammoo madeessanii raasatti gatan.
Obbo Karrayyuu Araarsaa Yaadasaa, Haadha warraa isaa Aaddee Araarsee, Obbo Karrayyuu Araarsa Yaadasaa , Obbo Gurmuu Jifaaraa, Qeerroo Tasfaayee Jifaaraa, Qeerroo Abarraa Jifaaraa, mana tokko keessa nama sadii, Obbo Fiixaa Milkeessaa, Obboleessa isaa Obbo Mogoraa Milkeessa, maanguddoo Dhugaasaa, Aaddee Xuruu Yaadasaa, Qeerroo Tolasaa Dirribsaa fi Obbo Girmaa Bakaraa kanneen ajjeefaman keessatti argamu.
Maanguddoo Araarsaa Yaadasaa, Ashuu Fayyisaa daaโima ganna 11, Obbo Abbishuu Jifaaraa, Haayluu Tufaa daa’ima ganna11 fi b/taa Dajanuu Milkeessaa b/taa Yuunivarsiitii Arsii waggaa 2ffaa kanneen madaaโan keessaa ti.
Ona Gindabaratitti Hagayya 08,2023 waraanni PP ummata nagahaa irratti dhukaasa banuun hedduu akka ajjeesanii fi madeessan odeessi ummata irraa argamu ifa godha.
Aangoo siyaasaa afaan qawween dhuunfatan tikfachuun karoora ganna kudhanii baafatan galiin gahatuuf jecha ibiddi PPn Oromiyaatti qabsiise lubbuu ummata nagaa galaafatuu itti fufeera. Ibiddi kun guutuu impaayerattiis waliin gaโaa jira.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n irra deddeebiin, murni PP lola xumuruu hin dandeenye keessaa bahee, rakkoo siyaasaa ofiif dhalchee fi iddoo itti qaban dhabe kanaaf falli tokkichi marii hunda hammate qaamota dhimmi ilaalu waliin geggeessuu qofa akka taโe akeekaa ture. Garuu gurra ittiin dhagaโanii fi ija ittiin argan hin qabaanne. Harโas yaadni furmaataa ABO kun bakkuma jira.
ABOn rakkoo wal xaxaa siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa mootummaan PP dhalcheen daddaaqamni impaayerattii mudate ummata Oromoo fi lammiilee Oromiyaa akka hin gaagaaneef, darbees sabaa fi sab-lammoota ummatoota biyya kanaa gaagaโama gosa hundaa jalaa oolchuuf furmaata jedhee Mootummaa Cehumsaa Biyyaalessaa Naannoo Oromiyaa (MCBNO) labsuun ni yaadatama.
Ammas ummanni keenya gaagaโama gosa hundaa jalaa baraaramee, lammiileen Oromiyaa fi olloonni keenya boqqonnaa nageenyaa akka argataniif falli waaraan MCBNO ABOn labse ofitti fudhachuu qofaan taha.
Aangoo siyaasaa afaan qawween dhuunfatan tikfachuun karoora ganna kudhanii baafatan galiin gahatuuf jecha ibiddi Biltsiginnaan Oromiyaatti qabsiise, impaayera Itoophiyaa gubee laboobni isaa Gaanfa Afrikaas labaa jira.
Ummanni Oromoo, lammiileen Oromiyaa, sabaa fi sab-lammoonni ummatoonni biyya kanaa ibidda siyaasaa, waraanaa, jeequmsa dinagdee fi hawaasummaa mootummaan paartii PP dhalchee ittiin dhumaatii fi gidiraa hammeesse kanatti fala xumuraa barbaaduu qaban. Dhumaatii hambisuuf, jeequmsa roga hundaan jirutti xumura gochuuf, kabajamuu mirga ofiif hunduu sagalee dhageessisuu qaba jenna.
Injifannoo Ummata Balโaaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Hagayya 12, 2023
Finfinnee