Hojjetootni mootummaa mana kirayaa kaffalachuu dadhabuun waajjira keessa buluu eegalan

Hojjettoonni mootummaa kiraa manaa kaffaluu dadhabanii dhokatanii biiroo keessa akka bulaniifi Kanneen jireenyi isaan rakkise sa’aatii laaqanaa mana amantaatti akka dabarsan ibsame. 

Mindaan hojjettoota mootummaaf kaffalamu gadi aanaa ta’uufi jireenyaaf kan hin geenye  ta’uu bira darbee dhaabbileen mootummaa naannolee Itiyoophiyaa hedduu keessatti argaman mindaa kaffaluu dadhabuudhaan hojjettoonni ji’ootaaf kaffaltii malee ji’ootaaf hojjetaa akka jiran gabaafamaa tureera. Naannoleen tokko tokkommoo bajata bara dhufuu irraa liqeeffatanii hojjetootaaf miindaa kaffalaa akka jiranis himameera. 

 Biiroo Pablik Sarviisii ​​fi Misooma Qabeenya Namaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Itti Gaafatamaan Garee Deeggarsa fi Hordoffii Bulchiinsa Humna Namaa Abrahaam Degfee bulchiinsa magaalichaa keessaa dhaabbilee mootummaa gara 70 ta’an irratti hordoffii taasisanii jireenyi hojjetoota mootummaa haala rakkisaa keessa jiraachuu eeran. 

Obbo Abrahaam, tibbana labsii hojjetoota mootummaa Federaalaa irratti mari’atamaa yommuu jirutti, waltajjii sana irratti argamuudhaan dubbii taasisaniin, waajjira tokko keessatti ogeessi olaanaan miindaan isaaf kaffalamu qarshii 9,056 ta’uu eeruudhaan, ogeessi kun gibirri irraa citee kan harkasaa ga’u hirmaattonni akka tilmaaman gaafatanii, qarshii kanaan qarqara magaalaatti yoo ba’ellee kiraa manaa argachuu akka hin dandeenye hubachiisan. 

Haala kana keessatti tajaajila hawaasummaa fooyya’aa ta’e kennuun akka hin danda’amneefi rakkoon kunis furmaata bu’uuraa fiduudhaan malee miindaa hojjetootaa dabaluudhaan furuun akka hin danda’amne akeekan. “Hojjettoonni mootummaa yeroo tokko tokko biiroo keenya dhufanii nutti boo’u; waan laaqana ittiin nyaannu hin qabnu’ jedhanii nutti boo’u” jechuudhaan dubbatan. 

Hojjettoonni kun sa’aatii laaqanaatti mana amantaatti akka dabarsan kan himan obbo Abrahaam Degfeen, “hojjetoonni mootummaa kaffaltoota gibiraa amanamoo ta’anillee jireenya isaanii jijjiiruu irratti tarkaanfiin fudhatamaa hin jiru” jedhanii, utuu jireenya hojjetootaa jijjiiruuf tarkaanfii qabatamaa tokko hin fudhatiin tajaajilli si’ataan hawaasaaf kennamuu akka hin dandeenye himan. 

Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Abbaa taayitaa eegumsa seeraaf daarekteera kan ta’an obbo Solomoon Yilmaa akka jedhanitti, Hojjetaan mootummaa abdii kutee jireenya rakkisaa keessatti kufee jira. 

Hojjetaan qulqullinaa tokko ji’atti miindaan 1,624 kan kaffalamuuf ta’uu eeruudhaan, dhaabbileen dhuunfaa hojjetaa qulqullinaa tokkoof miindaa 5000 akka kaffalu ibsan. Kun waajjiraalee mootummaa keessatti hojjetaa qacaruun ulfaataa akka taasise obbo Solomoon himaniiru. 

Magaalaa Finfinnee keessa qindeessitoota eegumsa seeraa 6500 ol jiran keessaa waggoota 10 oliif miindaan isaaniif kaffalamaa tureefi 3934 qofa akka ta’e kan eeran obbo Solomoon, sababa kanaatiin haalli jireenyaa itti cimuudhaan kiraa manaa kaffalachuu dadhabanii biiroo keessa dhokatanii kan bulan akka jiran himan. 

Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Daarektarri Humna Namaa Obbo Kasayee Agegaa akka ibsanitti, hojjettoonni yeroo adda addaatti hojii waan gadhiisaniif yeroo yerootti qacarrii hojjetaa akka oolan himan. “Yeroo hojjetaan mana nama dhuunfaa tokko miindaansaa 2500 caale kanatti hojjetaa qulqullinaa waajjira mootummaa tokkoof qarshii 1300 kaffaluun mirga namoomaa sarbuudha” kan jedhan daarekteerri kun, hojjetoota sadarkaa gadiirra jiran irratti xiyyeefatamee jireenya isaanii fooyyessuurratti hojjetamuu akka qabu hubachiisan. 

Naannolee Kibba Itoophiyaa kanneen dhiyoo kana hundeeffaman keessatti miindaan hojjetootaa kaffalamuu waan dhaabeef hojjetoonni yeroo adda addaatti hiriira ba’uudhaan gaaffii mirgaa gaafataa turuun ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *