Namoota hidhamanii fi humnaan achi buuteen isaanii dhabaman haala yeroo waliin walqabatee hidhamanii fi yakka amansiisaa ta’een himataman hundi hatattamaan akka hiikaman KMNI gaafate.

Namoota hidhamanii fi humnaan achi buuteen isaanii dhabaman haala yeroo waliin walqabatee hidhamanii fi yakka amansiisaa ta’een himataman hundi hatattamaan akka hiikaman KMNI gaafate.

Dhaabbatni Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa (HRW) Ibsa guyyaa har’aa baaseen naannoo #Amaaraa fi #Oromiyaa keessatti ajjeechaa seeraan ala, du’aafi miidhaan namoota nagaa haala walitti bu’iinsaa fi naannolee wal-qabatee, fedhii malee, jumlaa fi yeroo dheeraaf hidhaa, dirqiin dhabamsiisuu, hidhaa, uggura seeraan alaa bilisummaa sochii geejjibaa, . buqqa’iinsa keessoo fi manca’iinsa haalaan hammaateera jechuun gabaasa  kurmaana waggaa ykn baatii 4 har’a baaseen kana beeksiseera.

Waxabajjii 12, 2017 Sa’aatii 3:00 AM irratti Wallaggaa lixaa Aanaa Qondaalaa ganda Wandii Dochee  kan jiraatan obbo  #Minaalee_Kasim jedhamu Waraana Bilisummaa Oromoo deeggara jedhame erga qabamee booda humnoota tikaa mootummaan rasaasaan ajjeefame, fi reeffi isaa karaa  irratti gatamee argame jedhe KMNI

Gabaasni kun adda durummaan Adoolessa hanga Muddeetti kan hammate yoo ta’u, ajjeechaa, haleellaa fi dhiittaa mirga namoomaa biroo humnoota mootummaan Naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti namoota qulqulluu irratti raawwataman bal’inaan ibseera.

KMNI qaamoleen waldhabdee naannolee lamaan keessatti hirmaatan hundi haal-duree tokko malee dhukaasa dhaabanii walitti bu’iinsa karaa nagaa akka barbaadan gaafatee jira; Qaamoleen waldhabdee kana keessatti hirmaatan lubbuu, qaama, fi qabeenya namoota nagaa irratti duuluu irraa of qusachuu qabu; Sarbamiinsa seeraa ifatti balaaleffachuu fi itti gaafatamummaa mirkaneessuu; Qaamoleen naannoo Amaaraa hundi bilisummaa sochii mirkaneessuu fi uggura imala kaa’uu irraa of qusachuu qabu; Mootummaan qorannoo yakkaa amansiisaa fi mirga namoomaa irratti hundaa’e dhiittaa naannolee lamaan keessatti raawwatame jalqabuu fi seeratti dhiyeessuun, miidhaa lubbuu namaa, qaama, xiin-sammuu, fi qabeenya walitti bu’iinsa uumame irratti qaqqabe qorachuun, miidhamtoonni beenyaan akka kaffalamu mirkaneessuu akkasumas deebisanii dhaabuun namoota hidhamanii fi humnaan achi buuteen isaanii dhabaman haala yeroo waliin walqabatee hidhamanii fi yakka amansiisaa ta’een himataman hundi hatattamaan akka hiikaman gaafateera.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *