#Wallagga_Bahaa‼️
“Humna Mana hiidha keessatti erga dararaa turtee booda ppn mana hidhaa irraa baaste namoota qonnaan bultoota dabalatee maaqa farraa Riphee lolaa jedhuun ummata Godina Wallagga Bahaa Aanaa waamaa Hagaloo konkolaataan fuutee deemte PPn.
Ummanni dararaa Hammaa keessa seenee jira.yoo barbaadan humnan Milishaa si godhuu yoo barbaadan wanta ummatni hin beekneen maqaa hin qabneetti Baadiyaa keessa deemanii maallaqa sassaabiun inshuraansii jette kaabinoonni PP Qarshii hanga 2000tti funaanaa jiru.
Qarshii Milishaaf jettee 500 tokko tokkoo qonnaan bulaa irraa callisanii funaanuu nagahee kan hin qabne fuudhu.
Gibira mana dur qarshii 400 ture har’a garuu Qr 5000 hanga Qr 10,000 funaanaa jiru.
waraqaa Eenyummaa Gandaa Kan dura Qarshii 50n baafatamu har’a Qr 300 kaffalchiisaa jiru.
ummanni keenyaa baadiyyaa nama irraa dubbatus Nama itti dubbatus dhabee Imimmaan isaa waaqatti buuse boo’a jira jechuun hawaasni godina Wallaggaa Bahaa iyyachaa jira .
Murni pp Oromiyaa golee hunda keessatti ummata keenya qonnaan bulaa irraa akka barbaadetti irraa funaanuun diinagdee isaa laamshessaa jiraachuu yeroo adda addaatti ummatni dubbatachaa jira.
ummatni suuraa asii gaditti mul’atan kunneen mana hidhaa keessatti erga dararaa turanii booda milishaan walitti qabee gara hin beekamnetti konkolaataatti fe’anii deemanii jiru.