Jimmaatti Gamoo paartii PP ijaarsisuuf hojjettootni Mootummaa dirqamaan Miindaa isaanii irraa 30% akka kutan taasifaman

Godina Jimmaatti Hojjettootni Mootummaa dirqamaan ijaarsa Gamoo paartii PPf miindaa isaanii irraa akka muramu murtaaye.

Hojjettoonni caasaa mootummaa hundaa godina Jimmaa fi Magaalaa Jimmaa Ijaarsa gamoo waajjira Paartii Badhaadhinaatiif mindaa ji’aan argatan keessaa dhibbantaa 30 gumaachuuf dirqamuun isaanii hojjattoonni komii kaasan.

Maddeen akka jedhanitti maallaqni kun hojjettoota gitoota hojii sadarkaa olaanaa, giddu galeessaa fi gadi aanaa irratti hojjetan irraa kan hir’ifamu ta’a. Hoggantoonni waajjira tokkoon tokkoon isaanii kaleessa Ebla 30/2025 dhimma kana irratti hojjettootaaf ibsa kennuu isaanii fi irra caalaan isaanii maallaqni isaanii akka irraa hir’isuuf unka mallatteessuuf dirqaman ta’uu ibsaniiru. Haa ta’u malee hojjettoonni kun hojjettoonni mindaa xiqqaa qaban murtee kana mormuudhaan osoo hin mallatteessiin walgahii kana akka bahan ibsaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *