Yuunversiitii Waachaamootti walitti bu’iinsa Barattoota Oromoo fi Amaaraa gidduutti uumameen barataan Oromoo tokko rasaasaan mataa yoo rukkuutamu heddun ammoo miidhaman.

Yuunversiitii Waachaamootti walitti bu’iinsa Barattoota Oromoo fi Amaaraa gidduutti uumameen barataan Oromoo tokko rasaasaan mataa yoo rukkuutamu heddun ammoo miidhaman.

(SQ-Bitootessa 3,2022)

Har’a Bitootessa 3,2022 Yuunversiitti Waachaamootti walitti bu’iinsa ijoollee Oromoo fi Amaaraa gidduutti ka’een barattooti Oromoo hedduun miidhamuun dhagaa’ame

Yuunversiitii Waachaamoo keessatti dhalattoonni Amaaraa Ayyaana ADWA kabajna maqaa jedhuun Alaabaa Minilikiifi suuraa Minilik akkasuma kan Teediroos qabu qabatanii dhaadannoo adda adda kan Oromummaa arrabsuu dhageessisaa turan jedhu sababa sanaan walitti buu’insi dhalate kan jedhan maddeen keenya.

Yeroo barattooti walitti bu’anitti Poolisiin Federaalaafi Poolisiin naannicha barattoota Amaaraa irra goruun barattoota Oromoo hedduu reeban jedhu. barataa Abduuba Tanii kan dhalootaan Boorana ta’e ammoo rasaasaan mataa irra rukkutame kan jedhan maddi keenya yeroo amma Hospitaala Waligalaa Hoosa’inaatti du’aaf jireenya giddutti argama jedhu. Barataa Abduuban waan lubbuun hafuu hin fakkaatu,nus akka isaa hin tajajilleef poolisiin Mooraa Hospitaala keessaa nu ari’ees jedhu.

Kana malees barattoonni hedduun miidhamanii Hospitalichatti yaalamaa jiraachuu odeeffaneerra. hanga ammaatti Barattoonni Oromoo miidhaman 6 yoo ta’aan isaaniis

1,Abduuba Tanii kan rasaasaan mataa keessa rukkutaame
2,Gammachiis Guddinaa
3,Abdii Tashoomee
4,Maammush Hambisaa
5,Gammachiis Addaamuu
6,Gaaddisaa Tamasgeen kan jedhaman yoo ta’an barattoonni Poolisii Federaalaan qabamanii hidhamaniis hedduudha jedhu.

Yeroo amma kana haalli Yuunversiitii Waachaamoo baayyee yaaddessaa ta’uu kan nuuf himan maddi keenya uummanni Oromoo akka birmaatuufis dhaamaniiru.

Maddi GMN!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *