Gabaasi Ministeera Dhimma Alaa Yuunaayitid Isteetis, miseensotni Raayya Ittisa Biyyaa Itoophiyaa, Loltoonni Eertiraa fi Amaaraa yakka sarbiinsa mirga namoomaa hamaa raawwachuu Saaxile

Gabaasi Ministeera Dhimma Alaa Yuunaayitid Isteetis  qabiinsa mirga namoomaa irratti waggaa waggaan bahu kan bara 2024 ifoome, Itoophiyaa keessatti sarbiinsi mirga namoomaa hamaan qaamolee nageenyaa mootummaa fi kaaniin sababa wal waraansa bakka hedduutti ta’aa jiruun raawwatamuu ibseera.

Gabaasawwan qorannoo dhaabbilee mirgoota namoomaa akka Amneestii Intarnaashinaal, Hiyumaan Raayitsi Wach, Koomishinii Mirgoota Namoomaa Gamtaa Mootummootaa, Koomishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa, fi dhaabbilee miidiyaa walabaa rraa walitti qabuun kan kurfaaye gabaasi Ministeera Dhimma Alaa Yuunaayitid Isteetis, Itoophiyaa kessatti yakkawwan ajjeechaa seeraan alaa, hiraarsaa, hidhaa jumlaa, ugguraan nama hidhanii dhoksuu, dhiibbaan mirgawwan yaada ofii ibsachuu fi gurmaa’uu irra jiru akka itti fufetti jiraachuu ibse.

Gabaasi kun, lixa Tigraayi keessatti, yakki humnaan namoota qe’eerraa buqqisuu, ajjeechaa sabummaarratti xiyyeeffate, dirqiin gudeeduu fi yakkoonni kaan shamarrani fi daa’imman irratti xiyyeeffatu humnoota Milishaa Naannoo Amaaraa fi kaaniin raawwatameeras jedhe. Kana malees, ajjeechawwan seeraan alaa namoota nagaa fi angawoota mootummaa irratti xiyyeeffate, naannoo Amaaraa fi Oromiyaatti humnoota Waraana Bilisummaa Oromoo fi Hidhattoota Faannoo Amaaraan raawwatamuus galmeesse. Kanattis dabalata, gareewwan miilishaa naannoowwan Affaar, Amaaraa, Oromiyaa fi Somaalee keessa socho’an, haleellaa bananii namoota hedduu ajjeesuu fi qe’ee buqqisuus ibseera.

Balaan kun martuu Itoophiyaa keessatti kan mudate, sababa wal waraansa qaamolee nageenyaa mootummaa fi hidhattoota gara garaa gidduu jiru ta’uus gabaasichi ibseera.

Ajjeechaa jumlaa fi haleellaa diroonii naannolee Oromiyaa fi Amaaraa

Gabaasi Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa kuni, ajjeechaa Magaalaa Maraawiitti mudate kan gareen Amineestii Internaashinaal gabaase waabeffatee ibsa. Amineestiin gabaasa isaan, loltoonni Itoophiyaa jiraattota manaa fi dukkaana isaanii keessa turan marsanii karaatti baasanii namoota shantama ajjeesanii akka turan, namoota bakka san turan, ragaa suuraa saatelaayitii walitti qabuun ifoomsee ture. Kana boodas yakka kanaaf mootummaan Itoophiyaa tarkaanfii fudhachuu dhabuu qeeqee ture.

Gabaasi kun, Amajjii 2023 haga Amajjii 2024tti xinnaatu namootni 1351 ajjeefamuu ibse, isaan keessaa ajjeechaan namoota 750 kan mudate naannoo Amaaraattis jedhe. Bara 2023 haleellaa diroonii mootummaan raawwateenis jiraattonni 248 ajjeefamuu, manneen barnootaa, hospitaalonni fi bu’uraaleen misoomaa kaan manca’uus ibse.

Gabaasi Ministeera Dhimma Alaa Yuunaayitid Isteetis kun, Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa fi Humnootni Poolisii Naannoo, Oromiyaa keessa bakkeewwan rakkoowwan nagaa mudatanitti tarkaanfii gara jabinaa jiraattota irratti fudhachuus galmaa’uu ibse. Akka fakkeenyaattis dhaabbanni Oduu Rooyitarsi, Gurraandhala 13, Naannoo Oromiyaatti kan hundaaye qaamni “Koree Nageenyaa” yakkawwan akka ajjeechaa seeraan alaa, hiraarsuu fi hidhuu raawwachuu ka gabaase eere. Kanaanis koreen kun gosa sabaa xixiqqoo, hordoftoota amantii fi miseensota paartii mormitootaa irratti xiyyeeffataniiru jechuunis ifoomse. Akka fakkeenyaattis, ajjeechaa angawaa Adda Bilisummaa Oromoo Battee Urgeessaa Godina Shawaa Bahaa magaalaa Maqiitti mudate fudhatee, Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ajjeechaan angwa kanaa akka qoratamu gaafatus, haga yoonaa qorannoo ajjeechaa kana ilaalchisuu bu’aan qorannoo ifoome akka hin jiraannes ibse.

Yakka waraanaa fi ta’e jedhanii jiraattota beelessuu

Gabaasi Ministeera Dhimma Alaa Yuunaayitid Isteetis, miseensotni Raayya Ittisa Biyyaa Itoophiyaa, Loltoonni Eertiraa fi Amaaraa yakka sarbiinsa mirga namoomaa hamaa raawwachuu kan keessatti eerame murtee ministeera dhimmi alaa Yuunaayitid ISteetis  kan bara 2023 eeruun, lola gama lamaanii Tigraayi, Amaaraa fi Affaar keessatti mudateen, gareen lameenuu yakkoota sarbiinsa mirga namaa raawwataniiru jedhe.

Dhaabbanni Hiyuumaan Raayitsi Wach, Adoolessa 2024, naannolee rakkoo nagaa isaan mudate kanatti, qarqaarsa namoomaa jiraattonni akka hin arganne, hanqinni midhaan nyaataa if bishaaniis ta’e jechaan akka mudatuuf haleellawwan gara garaa taasisaa akka turan gabaasee jira.

Dhaabbanni Riifiwujiis Intarnaashinaal jedhamu, jiraattonni ijoollee isaanii midhaan horii nyaachisuu yookiin saatii dheeraaf akka rafan taasisaa akka turanis gabaase. Biiroon Fayyaa Tigraayis, maatiiwwan dhibbeentaa 60 ol ta’an, lola bara 2020 haga 2022 ture dura beelaaf saaxilamuu dubbatu.

Hiraarsuu fi namoota humnaan ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuu

Qaamoleen nageenyaa mootummaa fi kan isaan jalatti kurfaa’an, yakka jiraattota hiraarsuu, fakkeenyaaf feestaaliin nama ukkaamsuu, shiboon reebuu, fi nyaata fi bishaan dhowwachuu raawwataa akka turanis gabaasichi eereera. Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gudeeddi fi ajjeechaa seermalee dabalatee yakkawwan kun naannoo Oromiyaa keessatti raawwataa akka turan gabaaseera.

Koomishinichi dabalataan, namootni ukkamfamanii fudhatamaa akka turan, isaanis eessa buuteen isaanii akka hin ibsamne ibsuus gabaasa kana keessatti eerameera. Warreen bifa kanaan ukkaamfamanis gaggeessitoota paartilee siyaasaa, gaazexeessitoota fi rogeeyyii akka ta’anis ibse.

Hidhaa Jumlaa fi sarbiinsa mirga namoomaa yeroo labsii muddamaa raawwataman

Ministeerri Dhimma Alaa Yuunayitid Isteetis akka ibsetti, labsiin yeroo muddamaa Hagayya 2023 labsame ka’us namootni yeroo labsii kana to’annoo jala oolfaman garuu ammaa manneetii hidhaa jiru jedhe. Namootni kunis yeroo hedduu bakkeewwan ifa hin taane kan akka manneen barnootaa, mankuusaa fi kaan keessa beekamtii mana murtii male hidhamu jedhe.

Manni murtii namootni kunneen akka hiikamaniif ajajus poolsiin yakkoota biraan isaan himachuun manneetii hidhaa birootti isaan darbarsaa ture jedhee, akka fakkeenyaatti, angawootni Adda Bilisummaa Oromoo torba waggoota afuriif akkasiin hdhamaa turanii Fulbaana 2024 lakkifamuu eere.

Tarkaanfii hamaa walabummaa pireesiirratti

Gabaaasi kun walabummaan sochii miidiyaa rakkoo keessa jiraachuurraa kan ka’e gaazexeessitoonni sodaachifamaa jiraachuu, hidhamuu ykn biyyaa baqataa jiraachuu akeeke. Kanaafis gabaasa gartuun falmituu mirga gaazexeessitootaa (CPJ) erga 2020 as Itoophiyaatii gaazexeessitoonni, 54 biyyaa baqachuu ifoomse akka wabiitti eere.

Murteen labsii hatattamaa bara 2023 labsamee tures, mirga yaada ofii ibsachuu, mirga wal gahuu fi tajaajila interneetii argachuu danqee tures jedhe. Akka fakkeenyaattis Amajjii 2024, anagwootni qabiyyee siyaasaa qaba jechuun tiyaatira “Iyyaayyuu Fangas Boletika” jedhamu ugguruu ibse. Artiistiin tapaha kana dhiyeesses ji’a Waxabajjii keessa hidhamee akak tures ibse.

Gaazexeessaan biyya Faransaayi Antoonii Gaaliindoo Gurraandhala keessa angawaa ABO Obbo Battee Urgeessaa haasofsiisuu isaaf to’annoo jala oolee ture, ajjeechaan Obbo Battees haga harraa dhimmi isaa waan qoratamee ifa bahe hin jiru jedhe.

Namootni butamanii rakkoon nageenyaa ittuu hammaachuu

Gochaan namoota butanii gadidhiisuuf qarshii gaafachuu, baayyateera jedhe gabaasi kuni. Kunis barattoota, hojjettoota gargaarsa namoomaa fi jiraattotarratti xiyyeeffachuus ibsee, fakkeenyaaf Adoolessa 2024, Oromiyaa keessatti konkolaataawwan geejjibaa sadiin kan imalaa turan barattoonni butamanii gatii qarshii kuma dhibba shanii haga qarshii kuma dhibba torbaan bahaa akka turan gabaafamuu yaadachiise. Kanarratti, angawootni warri butame martuu lakkifamaniiru jedhanus jriaattonni garuu kana ni mormu jechuun ibse.

Humnootni Eertiraas daangaa qaxxaamuruun Tigraayi keessaa namoota butanii akka turanis gabaasa kana keessatti tuqameera.

Mirga hojjattootaa fi kaffaltii xiqqaa hojjettootaaf kennamu

Heerri biyyattii hojjettoonni mirga isaanii kabachiisuuf mirga gurmaa’uu akka qaban ibsus, kun garuu ammaa murtaa’aa ta’uu, kaffaltiinis gadi bu’aa ta’uu fi kunuunsi hojjettootaaf kennamus xiqqaa ta’uu eere. Paarkiiwwan Indastirii keessa kan hojjetan namootni hedduun kaffaltii baayyee gad bu’aa akka kaffalamuuf, haalli hojii isaaniis fayyaa isaaniif balaa ta’uu fi hojjettoota sarbiinsa mirgaa hedduuf kan saaxile jedhe.

Baqattootaa fi yaaddoo gargaarsa namoomaa

Itoophiyaa keessa ammas baqattoota lammiin biyyoota adda addaa hedduutu jiraatu. Garuu walitti bu’iinsi hawaasa naannoo fi baqattoota jidduutti ka’u, sarbiinsi mirga baqattootarra gahu, yaaddessaa ta’uu dubbatee, akka fakkeenyaatti balaa baqattoota Sudaan Kibbba rra naannoo Gambeellaatti mudate ibse.

Yakka mudateef itti gaafatamummaan haa jiraatu

Gabaasi Ministeera Dhimma Alaa Yuunaayitid Isteetis biyyoottan irratti waggaan bahu kan bara 2024 ifoome kun ammas sarbiinsi mirgoota namoomaa Itoophiyaa keessatti mudataa jiru kun wal waraansaan, dadhabina olaantummaa seeraa kabachiisuurratti mudataa jiruu fi qaamoleen yakka kana raawwatan seeratti dhiyaachuu dhabuurraa kan ka’e taate mudataa jirudha jedhe. Kanaafis mootummaan sarbiinsa mirgoota namoomaa raawwataman akka qoratu, namoota seeraan ala hidhamanis akka hiiku, gargaarsi namoomaa akka qaqqabu eyyamuu fi mirgoonni yaada ofii walabummaan ibsachuu akkasumas gurmaa’uu akka kabajamu taasisuu qaba jedhe.

Gabaasichi, Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Itoopiyaa fi qaamoleen idila addunyaa, angawootni mootummaa biyyattii yakkoota kana warra raawwatan seeraaf akka dhiyeessan gaafatanus, angawootni kunneen garuu kana utuu hin raawwatin hafuus ibsee jira. “Amineestii Internaashinaalii fi Hiyumaan Raayitsi Wach, mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuun haqi akka bu’u hojjechuu dadhabuu isaa qeeqaniirus” jedhe gabaasichi. AS

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *