Mooyyaaleetti lubbuun namoota 7 olii milishoota Somaaleen ajjeefaman

  • Lola Somaaleen Oromoota irratti Mooyyaalee keessatti banteen lubbuun namoota 7 ol darbe.

Oromiyaa gama kibbaatti dilbata darbe Somaaleen daangaa Oromiyaa keessatti Alaabaa Naannoo 5 dhaabuu hordofee hokkora ka’een guyyaa calqabaa daa’imni ganna 13 Diqqoo jaatanii yoo Alaabaa kana buustu milishoota Somaaleen ajjeefamtu namootni hedduun madaayanii turan.

Somaalotni dursanii lolichaaf qophaayanii waan turaniif meeshaalee gurguddaa kanneen akka #Dishqaa ummata irratti dhukaasaa akka turan jiraattotni Mooyyaalee SQtti himaniiru.

Guyyaa wixataa haala tahe irratti tasgabbeessuuf kantiibaan Magaalaa Mooyyaalee osoo konkolaataa isaaniin imalanii yaaliin ajjeechaa konkolaataa isaanii irratti raawwatamu in konkolaataan miidhamu illee isaan lubbuun bahanii jiraachuu dubbatanii jiru.

Kantiibaan Magaalaa Mooyyaalee taatee ajjeechaa isaan irratti yaala me hordofee yeroo ammaa naannicha keessa akka hin jirre BBC Afaan Oromootti kan dubbatan yoo tahu sochiin daldalaa fi namaa Magaalaa Mooyyaalee keessatti guutummaa guutuutti adda cituun wal waraansi jabaatee jiraachuu maddeen naannichaa irraa mirkaneeffanneerra.

Lola Guyyaa 5ffaa isaatiin har’a humnootiin waraanaa Somaalee milishaa naannichaa dabalatanii fuula isaanii dhoksanii meeshaa gurguddaa Kanneen akka Dishqaa dabalatee barii barraaqa lafaa Lola Oromoota Mooyyaalee irratti bananiin hanga gabaasa kana qindeessinutti lubbuun Oromoota 7 ol yoo darbu qabeenyaan Ummata Oromoo manneen Jireenyaa isaanii waliin milishoota Somaaleedhaan abiddaan barbadaayaa akka ooles maddeen nuuf himaniiru.

Lola guyyaa har’aan Oromootni Mooyyaalee keessaa baqachuun gara daangaa keeniyaatti ceehaa akka jiranii fi lolichi ammallee akkaan hammaataa tahuu jiraattotni ni dubbatu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *