Aanaa Saayoo Noleetti namoonni 20 ol baatii 2f mana murtiitti hin dhiyaatiin jiru.
Yunivarsiitii Mattuutti barsiisaa seeraa kan ta’an kennasaa Daggafaa akka jedhanitti, dhiheenya kana aanaa kana daawwachuun namoota buufata kana keessatti hidhaman arguuf carraa argadheera jedhan.
Buufata Aanaa Saayyoo Nooleetti namoonni hanga 30 ta’an, ji’a tokkoo hanga lamaatti ukkaamfamanii dhimma isaaniif mana murtiitti osoo hin dhiyaatiin akka jiran himaniiru.
Godina Lixa Oromiyaa Aanaa Saayyoo Nooleetti maatii hidhamtoota bakka bu’uun abukaatoon akka jedhetti, namoonni 20 ol ta’an mana murtiitti osoo hin dhiyaatin yeroo dheeraaf buufata poolisiitti hidhamanii jiru jedhan.
Ummanni kunneen baatii lamaaf jechuun ni danda’ama buufata poolisii Aanaa Sayyoo Nooleetti ukkaamfamanii kan turan yoo ta’u, irra caalaan isaanii maaliif akka hidhaman hin beekan jedhame.
Namoota 20 ol buufata poolisiitti hidhaman keessaa barsiisaan yuuniversitii Mattuu Qaammee 2018 keesaa to’annoo jala oolfame tokko akka jiru Yunivarsiitii Mattuutti barsiisaa seeraa kan ta’an obbo kennasaa Daggafaa dubbataniiru jechuun DW Amharic gabaase.
Bulchiinsi Aanaa Sayyoo Noolee gama isaatiin hidhamtoonni kun haala yeroo waliin kan walqabatu ta’uu ibseera.
Lakkoofsi namoota buufata poolisii Aanaa Sayyoo Noolee keessa jiranii fi qabinsi isaanii gaarii miti jedhu ogeessi seeraa Yuunivarsiitii Mattuu.
Barsiisaan Geetachoo Tarfaasaa jedhamu gaafa qaammee 2/2018 poolisiin qabamee maaliif akka hidhamee akka hin beekamnee fi innis akka hin beekne dubbateera. Kunis sirna seeraa cabsuudha. Namni tokko yommuu qabamu dhimmichi qoratamee wabiin gadhiifamuu qaba; dhimmichi wabii kan hin qabne yoo ta’e dhimmichi mana murtiitti dhiyaatee dhimmichi yeroon ilaalamuu qaba. Yeroo ammaa buufatichatti hidhamuun kun akka sirna seeraatti hidhaa seeraan alaati.
Namoonni gara 30 ta’an ukkaamfamaniiru. Ummanni sirna seeraa irratti amantaa dhabuu hin qabu; seera kabachiisuuf seera biraa kamuu cabsuu hin qabu jedhan.