Waraanni faashistii koloneel Abiyyiin hogganaman Godina W/bahaa Aanaa Jimmaa Arjoo keessatti ilmaan Oromoo 2 rasaasaan ajjeesan.
Guraandhala 15,2023
Waraanni sirna faashistii Abbaa irree Abiyyiin hogganaman waggoota arfan darban ilmaan Oromoo badii tokko malee Oromummaan yakkee lubbuu isaanii dhabamsiisaa kan jiru yoo tahu ammas haaluma baratameen ilmaan haadha hiyyeessaa baadiyyaa fi magaala osoo hin jenne qabee hidhuun manneen hidhaa irraa baasee rasaasaan ajjeesuun soora allaattii gochaatti jira.
Waraanni sirna Oromoo sanyii duguugguuf hojjetuun hogganamee Abiyyi irraa kallattiin ajaja fudhatu guraandhala 13/2023 godina baha Wallaggaa bahaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Haaraa jedhamtu keessatti qeerrowwan Oromoo lama maqaan isaanii Gammachuu Mitikkuu fi Dirribaa Taammiruu jedhaman halkan mana maatii isaanii keessaa baasuun rasaasa itti roobsanii ajjeesanii gatanii jiru.
Akka maddeen naannichaa jedhanitti waraanni murna pp kunneen dargaggoota kanneen lamaan erga manaa gadi baasanii ajjeesanii booda naannoo qe’ee maatii isaanii irraa lafa irra gototuun ykn harkisuun daandii cirracha gurraachaa jedhamee waamamutti gatanii deemuu isaanii nuuf dhaamaniiru.
Ilmaan Oromoo sirna galma mootummaa dhuunfatee Minilki du’aa nutti faarsaa siidaa Minilki qarshii guddaan biyya ambaatti hojjechiifatee galma keessa kaayyatee ganama galgala waaqessuun har’as akkuma bara Minilik Oromoo gochaa harmaa fi harka muraa ture ilmi guddisa Minilik Abiyyi sirna Minilik galmaan geesisuuf Ilmaan Oromoo Morma irraa mursiisaa manneen hidhaatti guuree mana hidhaa irraa baasee dhabamsiisaa jira.