waggoota lamaan jiddduutti namoonni 52 raayyaa ittisaatiifi miseensoota humna addaa naannoo Oromiyaatiin seeraan ala ajjeeffamaniiru jechuun KMI gabaase .
Humnootiin nageenyaa motummaa federaalaa kan ajjeechaa kana raawwatan, ‘‘qaamoolee hidhataniif odeeffannoo fi loojistikii dhiyeessitu, miseensa garichaati’’ sababii jedhuun akka ta’e gabaasni Komishinichaa ibseera.